Kitaaba Faaru'uu 36 - Kitaaba Woyyuu

Hammeenna Cubbamtootaatii Fi Arjummaa RabbiiFaaruu Daawitii Garbicha Rabbii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate

1Namni hamaan hennaa maraa uf keessatti waan hamaa yaada;

sodaan Rabbii isa bira hin jiru.

2Inni yakka ufii argee akka hin jibbine;

akka yaada ufiititti ufumaa guddisee uf soba.

3Dubbiin isaa ka hammeennaa fi dharaan guutame;

waan mishaa maraa godhuu hin danda'u.

4Siree ufii irratti daba yaada;

karaa hamaa irra dhaabateera;

hammeenna hin tuffatu.

5Yaa Rabbi!

jaalalli kee ka bara baraa haga sami'iiti;

dhugaan keellee duumessa bira gaya.

6Yaa Rabbi!

balchummaan kee akka gaarranii guddisee ol fagaata;

murteen kee akka galaana gad fago'ooti;

namootaa fi busaayaa waan hamaa jalaa oolchita.

7Waandhana!

jaalalli kee ka bara baraa hagam kabajjama'a!

ilmaan namaa koola gaaddisa keetii abdatan.

8Mana keetitti nyaata guddaa ati isaanii kennite nyaatan;

eebba kee ka akka galaanaa yaa'u irraa dhugan.

9Burqaan jireennaa si biraa waan ta'eef

ifa keetiin ifa argina.

10Jaalala kee ka bara baraa worra si beeku irratti;

balchummaa kee worra garaa qajeela'aa irra diriirsi.

11Lutti nama uf jajuu na irra hin ijjatin;

harki nama hama'aa na hin ari'in.

12Hammeeyyiin akkamitti akka kufan laali;

kufaniiran; ka'uu hin danda'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help