1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; mana isaaniitii fi manniin abboota isaatii ulee tokko tokko, manniin bulchoota isaaniitii uleewwan kudha lamaa fuudhii uleewwan maraa irrattuu maqaa isaanii barreessi.
3Ulee maqaa gosa Leewwi'iitiin dhiyaate san irratti maqaa Aaroonii barreessi;
4Hulee ani isin biratti argamutti daasee wol gayi'ii keessa saanduuqa raga'aa afoo kaayi;
5Uleen nama ani filadhee hin lalifti; namoota isinitti guguungumu ijoollee Israa'elii jiddu'uu balleessa»
6Kanaaf Muuseen ijoollee Israa'eliititti himnaan bulchoonni isaanii maruu uleewwan kudha lamaa bulchaan maruu akka mana abbaa isaatiin ulee tokko tokko itti kennan; uleen Aarooniillee ulee isaanii jidduu jirti.
7Muuseen akka kanaan ulee maraa daasee wol gayi'ii ka raga'aa afoo kaaye.
8Achiin maayessa haga lafti bariite Muuseen gara daasee wol gayi'ii yoo seenu uleen Aaroonii ta gosa Leewwi'iitiin dhiyaatte laliftee daraartee lawuzii bilchaate baatte.
9Muuseen ulee sanniin maraa Rabbiin afo'oo gara ijoollee Israa'elii maraa gad baase; isaanillee laalanii ulee ufii maraa fudhatan.
10Rabbi Muuse'een, «Isaanillee ulee Aaroonii arganii gara daasee wol gayi'ii deebi'anii akka isaan natti guguungumanii hin duune namoota natti ka'an maraa malkata taatee haa eeggamtuu» jedhe.Ibr. 9:4
11Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe.
12Ijoolleen Israa'elii «Muuseen yoo akkana ta'e nu martinuu duunee banna!
13«Namni gara daasee wol gayi'ii ka Rabbiititti dhiyaatu maruu hin du'a; dhugamaan nu maruu hin dhumnaa?» jedhanii dubbatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.