1Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! guraadee qarame fuudhii areedaa fi mataa kee haadadhu; rifeensa kee madaalii bakka sadihitti qoodi.
2Haga hennaan marfaman sun lufeen maayessa rifeensa qoodame keessaa tokko fuudhii faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame irratti gubi; ka lammeesso'oo keessaallee sadihi keessaa tokko fuudhii naannaya fakiin qachattii irratti kaafame faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame bira kaayi; ka sadeesso'oo garuu qilleensa keessa ol bittinneessi ani guraade'een isa ari'aa.
3Naannaya qachatti'iititti guraade'een mummurii akkasuma rifeensa hafe diqqoo fuudhii qaccee waan uffattuutitti guduunfadhu.
4Ammallee kanniin keessaa diqqoo fuudhii ibiddatti buusii akka gubatu godhi; ibiddi achi irraa ka'u banii Israa'elii maraa bira gaya.»
5Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati Yerusaalemiin laali! ani akka biyyi heddu isii marsee isiin wodhakkaa isaanii jiraattu taasiseera.
6Yerusaalem garuu seera kiyyaa fi ajaja kiyya maraa diiddee banii kaawwan caalaa baddu'uu fi biyya kaawwan maraa caalaa dhibduu akka taate uf mudhifteerti; Yerusaalem seeraa fi ajaja kiyya tuffatteerti; ajaja kiyya hin hordofne.»
7Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin worra Yerusaalemiin keessa jiraattan! banii naannaya keessan jiran caalaa worra seera hin qabne taataniirtan; seeraa fi ajaja kiyya hin kabajjine; seera banii naannaya keessan jiraniitiinillee hin jiraanne.
8Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii akka lola kiyya gudda'aan sitti dhufa'aaru sitti mudhisa; uduu baniin maruu si argu murti'iin si adaba.
9Sababaa battummaa keetiitiif adabbii armaan dura sitti fidee hin beennee fi ka uf afoollee sitti fidu'uuf hin taane sitti fidaa.
10Sababaa kanaaf maatiin Yerusaalemiin keessa jiraatan ijoollee ufii nyaatan; ijoolleen isaaniillee maatii ufii nyaatan; akka kanaan isin maraa adaba; worra hafe garuu kallattii arfaniinuu isaan bittinneessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.