Gara Worra Qorontoosii 1ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Ayyaana Woyyu'uu

1 14:1 Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha.

2Imba. 2:18-19 Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan.

3Mar. 9:39; Yoh. 13:13; Yoh. 1ffaa 4:2-3 Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee tokkollee, «Yesuus Goofta'a» jechuu akka hin dandeenne isin beessisa.

4 12:11; Rom. 12:6-8; Efe. 4:4 Kennaan badhaadhaa adda adda; Ayyaanni ammo tokko.

58:6; Efe. 4:11 Tajaajilli adda adda; Gooftaan tokko.

6Efe. 4:6 Akkaataan hujii isaa adda adda; Rabbiin maraa godhu ammo tokko.

714:26; Efe. 4:12 Haa ta'uu ammo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama.

813:2 Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkumsaan dubbachuun kennamaaf.

9Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu,

1013:1-2; 14:1,5,24,29; Hu. Er. 2:4; Yoh. 1ffaa 4:1 Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoo raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoo laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf.

11Rom. 12:3; Efe. 4:7 Kana maraa ammo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata.

Nafti Tokko Qaama Adda Addaa Qaba

12 10:17; Rom. 12:4-5 Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamonni nafaa maruu uduu heddu ta'aniiran qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma.

13Gal. 3:28 Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu maruu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf; nu maruu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra.

14Nafti qaama heddu malee qaama tokko waan hin taaneef.

15Lutti yoo harkaan, «Ani harka miti; qaama nafaatiillee miti» jette; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa?

16Gurrillee, «Ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti» uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa?

17Nafti maruu uduu ija ta'ee silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna?

1815:38 Amma ammo Rabbi akka fedha ufiititti qaamolee san adduma addaan nafa irra godheera.

19Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa?

20Haa ta'uu ammo amma qaamoleen heddu; nafti ammo tokko.

21Ijji harkaan «na hin barbaachiftu» jechuu hin dandeettu; yookaan mataan akkasuma lukaan, «na hin barbaachiftan» jechuu hin danda'u.

22Haa ta'uu ammo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan.

23Qaamolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammo ulfinnatu isaanii eda'ama.

24Qaamoleen keenna ka ulfinna qaban ammo isaan hin barbaachisu.

25Haa ta'uu ammo qaamoleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aa Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe.

26Rom. 12:15 Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan; qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada.

27 Rom. 12:5; Efe. 5:30 Isinillee nafa Kiristoosiiti; isin maruu qaama isaati.

2812:8-10; Efe. 4:11-12 Kanaafuu Rabbi namni maruu woldaa Kiristaanaa keessatti akka tajaajila gara garaatiin tajaajilu godhe; akka kanaan jalqaba ergamtoota, lammeessoo raattota, sadeessoo Barsiisota muudeera; kanatti aansee worra maalalee godhu, kennaa fayyisu'uu, worra gargaaru, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera.

29Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii?

30Maruu keennaa fayyisu'uu qabanii? Maruu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii?

3114:1 Haa ta'uu ammo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a; Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help