Gara Worra Ibrootaa 6 - Kitaaba Woyyuu

1Eeganaa barumsa waan Kiristoosii ka jalqabaa dhiifnee gara barumsa worra gugurda'aa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinuu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu,

2Akkasuma Rabbitti amanu'uun, waan cuuphootaa, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa deebifnee haa hundeessinuu.

3Yoo Rabbi jedhe kana goona.

4Worra hennaa tokko ifti ifeef, worri kennaa sami'iillee mi'eeffatan, worri Ayyaana Woyyuu irraa qoodaman,

5worri dubbii Rabbii misha'aa fi hunna adunya'aa ka dhufu'uuf ta'u mi'eeffatanii fi worri maayii deebi'anii waakkatan lamuu aagi'iin isaan deebisuun waan hin danda'amne.

6Ufumaa Ilma Rabbii fannisanii waan salphisaniif.

7Lafti hennaa hedduu rooba isii irratti roobu dhuddu, worra isii irratti qotataniifillee akkasuma ta fayyaddu, biqiltuullee ta margisiiftu Rabbiin irraa eebba argatti.

8Yoo qore'ee fi qummuudduu margisiifte ammo ta gatamte, ta abaaramtee fi ta dhumti isi'ii gubatu taati.

9Goshoota tiyya! waan keessan ammo yoma akkanumaanillee dubbanne, isin eebba caalu ka fayyinna keessaniin argame fidu irra jiraachuu keessan hubanneerra.

10Waan woyyoota tajaajiltaniif, haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hama'aa miti.

11Haga abdiin kenname raawwatamuuf, isin martinuu ciminna akkanaa kana haga dhumaa akka mudhiftan hawwina.

12Worra dubbii abdi'ii ka amanti'ii fi obsaan kenname san dhaalu akka fakkaattaniif malee akka amshaaggota taatan hin barbaannu.

Waadaan Rabbii Amanama'a

13-14Rabbi hennaa Abrahaamii abdii kenne, «Dhugamaan si eebbisa; guddisee si baay'isa» jedhe. Ka isa caalu waan hin jirreef maqaa ufiitiin isaa kakate.

15Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate.

16Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan; kakuun waan jedhame cimsa; mormii isaan jiddu'utti ka'e maraa balleessa.

17Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef,

18Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramnee fi ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna.

19Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu, ka akka sibiila gaadituu markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene.

20Achii Yesuus akka muudamaa Malkasaadiqii baraa haga bara baraa hangafa gadootaa ta'ee waan keennaaf firrisee seene.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help