1«Isin keessaa raanni yookaan namni eebjuu eebjotu ka'ee yoo malkataa fi maalalee huje;
2akkuma inni jedhe baafninii fi maalaleen sun yoo raawwatame, namichi baasaa fi maalalee hojjate sun yoo deemnee waaqa tolfamaa biraa ka ati hin beenne duukaa deemnee waaqeffannaa siin jedhe,
3Rabbi Waandhi keessan akka isin qalbii keessan guutu'uun isa jaalattan laalu'uuf waan isin qora'aaruuf jecha raatticha sanii yookaan nama eebjuu eebjotu san jalaa hin dhagayinaa'a.
4Rabbii Waaqa keessan duukaa deemaa'a; isa sodaadhaa'a; ajaja isaa eegaa'a; jecha isaa dhagayaa'a; isa waaqeffadhaa'a; isaan wolii galaa'a.
5Karaa Rabbiin Waandhi kee si ajaje irraa si balleessu'uuf, Rabbii Waaqa keessan ka garbummaa biyya Misiriitii isin baase irraa isin balleessu'uuf waan dubbateef raanni sun yookaan namni eebjuu eebjote sun haa ajjeefamuu; akkasuma waan badaa uf keessaa balleessi.
6-7«Ilmi haatetii yookaan ilmi kee, yookaan mucattiin tee, haati manaa tee, goshoon kee, ka akka lubbuu keetiititti jaalattu dhossa'aan koottu daanga'aa haga daangaa lafaa deemnee waaqa tolfamaa dhiyoo jiranii fi fagoo jiran ka worri ormaa waaqeffatan, waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne waaqeffannaa jedhee yoo si sobe tole hin jedhin.
8Isa hin dhagayin; garaa isaa hin laafin; isaa hin dhiisin; isa hin dhossin.
9ajjeesiin malee; isa ajjeesu'uuf dura ati isa dhayi; achiin maayessa baniin maruu isa haa dhayuu;
10namni sun Rabbiin Waaqa kee ka garbummaa biyya Misiriitii si baase irraa si fageessuu waan barbaadeef haga inni du'utti dhaga'aan isa dhayi;
11worri Israa'elii maruu kana dhagayanii sodaatanii hujii badaa akkanaa kana deebi'anii isin keessatti hin hojjatan;
12-13Rabbi Waandhi kee qachaa keessa jiraachu'uuf itti galtu keessaa takka yoo sii kenne namoonni hammeeyyiin si keessaa ka'anii «Deemnee waaqolee tolfamaa kaawwan ka ati hin beenne haa waaqeffannuu jedhanii namoota qachaa keessaa dogoggorsan;
14Oduu jedhu yoo dhageette isaan soxxa, isaan qoratta, hin gaafatta, wonti kun yoo dhugaa ta'e, wonti badaan kun isin keessatti yoo dhugaa ta'ee argame
15namoota qachaa sanii guraadee qara qabuun isaan fixxa; qachattii, horii isii keessa jiru maraa guraadee qara qabuun balleessita.
16Meeshaa isi'ii maraa balbala qachattii saniititti wolitti qabdee Rabbii Waaqa keetiif ibiddaan gubda; baraa haga bara baraa qachaan sun ona taati; deebiteellee hin ijaaramtu;
17-18ajaja ani adha si ajaju maraa yoo eedde, waan Rabbii Waaqa kee gammachiisu yoo hojjatte, jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageette akka lollinii fi balaan Waaqaa si irraa deebi'u akkuma abboota teetiif waadaa gale akka sii araaramu akka garaa sii laafu akka si baay'essu wonti battiin harka keetitti hin argamin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.