Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Biyyi Misirii Biyya Yihuuda'aa Marsite(Mot. 1ffaa 14:25-28)

1Mootummaan Roobi'aamii akka misha'atti ijaaramee hennaa hunna argate inninii fi baniin Israa'elii maruu seera Rabbii dhiisan.

2Amanamummaan isaan Rabbiif qaban waan dhidhateef Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shiishaaqi Yerusaalemiin irratti duule.

3Inni gaarii fardaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi worra farda yaabbatanii lolan kuma jahaatama qaba; loltoota mootii Shiishaaqiin woliin biyya Misiriitii dhufan worra gosa Liibiya'aa, Suukootaatii fi worri biyya Itoophiya'aa ka laakkobsaa ol ta'antu dhufe.

4Inni qachoota ijaaramte ta biyya Yihuuda'aa fudhatee gara biyya Yerusaalemii deebi'e.

5Raattichi Shamaayaan gara abboota murti'ii ka biyya Yihuuda'aatii fi worra mooticha Roobi'aamii fi Shiishaaqiin jalaa dheessanii gara Yerusaalemii dhaqanitti dhufee, «Rabbi akkana isiniin jedha ‹Isin na dhiifnaan anillee Shiishaaqiin jalatti isin dhiise› isiniin jedha» isaaniin jedhe.

6Abboonni murti'ii ka biyya Israa'eliitii fi mootichi yakka hojjatan amananii «Wonti Rabbi godhu maruu sirri'i» jedha'aa gad uf deebisan.

7Rabbi akka isaan gad uf deebisan haga arge dubbiin Rabbii gara Shaamaya'aa «Isaan waan gad uf deebisaniif ani isaan hin balleessu; guyyaa hago'oon maayessa ani isaan oolcha; ani isaaniin lolee Yerusaalemiin keessatti harka Shiishaaqiititti isaan hin kuffisu;

8garuu akka naa ajajamanii fi akka moototaa ajajamuu baratan isa jalatti bulan» jedhutu dhufe.

9Kanaaf mootiin biyya Misirii Shiishaaqi gara Yerusaalemii dhufee galmee mana Rabbii keessa jiruu fi galmee mana mooti'ii keessa jiru maraa fudhate; wontee baay'ee ka Solomoon worqi'iin hojjatellee hin fudhate.Mot. 1ffaa 10:16-17; Sen. 2ffaa 9:15-16

10Mootichi Roobi'aam bikka san wontee sibiila diimaa irraa hojjatee bulchoota worra balbala mana mooti'ii eegan harka kaaye.

11Mootichi adaduma mana Rabbii seenuun worri balbala eegan wontee sanniin baadhatanii mootichaan marsan; haga mootichi deemeen maayessa garuu deebisanii mana bulchoota worra mana eeguu keessa kaayan.

12Mootichi Roobi'aam yakka hojjate haga beeke lolli Rabbii guddisee isa hin miine; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti wonti maruu waan mishaa ta'e.

Seenaa Bara Mootichi Roobi'aam Bulchee Gabaabamatti

13Roobi'aam qachaa Yerusaalemii ta akka maqaan isaa itti waamamuuf biyya Israa'elii maraa keessaa Rabbi filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; bara ufii bulche mootummaa ufii hin jabeesse; inni hennaa mooyu nama woggaa afurtamii tokkooti; haati Roobi'aamii Naa'imaan nama biyya Amoonii keessatti dhalatte.

14Roobi'aam waan fedha Rabbii hawwuu dhabeef waan hamaa hojjate.

15Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu jalqabaa irraa haga dhumaa, seenaan maatii isaallee kitaaba seena'aa ka raatticha Shaama'iitii fi raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera; Roobi'aamii fi Iyyoorbi'aam hennaa maraa uduu addaan hin kunne wol lola'aa turan.

16Roobi'aam du'ee awwaala moototaa ka qachaa Daawitii keessatti argamutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help