1Waandhana!
waan sitti irkadheeruuf golgii na dhossi;
2Ani Rabbiin «Ati Gooftaa kiyya,
siin ala mishummaa hin qabu» jedheen.
3Woyyoonni lafa irra jiraatan maruu
worra kabajjaman;
ani isaanitti gammada.
4Worra waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatan
gadda gudda'atu isaan irra gaya;
ani waaqolee akkanaatiif ciincaa dhiigaa hin dhiyeessu;
afaan kiyyaan maqaa isaanii hin dhayu.
5Yaa Rabbi! ati waan ani fedhu maraa naa kennita;
hireen kiyya harka kee keessa jira.
6Haanni bikkaniin
hulee bareedduu irra naa bu'e;
dhugamaan lafa bareeddu argadheera.
7Rabbii na gorsuu galata galcha;
halkanuu garaan kiyya waan qajeelaa natti mudhisa.
8Rabbi hennaa maraa na afoo jira;
inni waan mirga kiyya jiruuf ani hin raafamu.
9Kanaafuu garaan kiyya hin gammade;
lubbuun tiyyallee hin usheexxite;
namummaan kiyyallee sodaa malee jiraata;
10Ati asaaba keessatti waan na hin dhiifneef;
woyyuu kee akka shamu hin gootu.
11Ati karaa jireennaa natti mudhifta;
afoo keetitti gammachu'uun guuttamuu,
mirga keetitti hulee qanani'ii
ka baraa haga bara baraatitu jira.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.