1«Akka ija hawwi'iitiin bareedduu hin laalle
ija tiyya woliin waadaa galeera.
2«Hireen namaa ka Rabbiin irraa murtaayeef maali'i?
qoonni Waaqa maraa danda'u
ka ol teessoo ufii irra jiruun
kenname hoo maali'i?
3Nama hamaa irratti balaa,
nama yakkamaa irrattillee badiin
waan beekkamee mitii?
4Rabbi karaa kiyya maraa hin arguu?
tarkaanfii kiyya maraa hoo hin laakkayuu?
5«Yoo sobaan deemee jiraadhe
lutti kiyya gara sobaa yoo jarjaree jiraate;
6Rabbi madaala dhuga'aatiin na haa madaalu;
akka mudaan na irra hin jirrellee haa beekuu.
7Tarkaanfiin kiyya karaa irraa goree
qalbiin tiyya ija tiyya faana buutee,
yoo harki kiyya cubbu'uun battaayee jiraate,
8waan ani facaase namni biraa haa nyaatu;
ka biqilellee buqqa'ee haa badu.
9Qalbiin tiyya intala biraa yoo hawwitee jiraatte,
balbala hiriyyaa kiyyaatitti riphee yoo isa eegee jiraadhe,
10Haati manaa tiyya nama biraatii midhaan haa daattuu;
dhiira biraa woliin haa ciiftuu.
11Hujiin hamaan kun salphinna waan ta'eef,
seera afo'otti yakka waan ta'eef itti haa murtaayuu.
12Cubbuun kun ka akka ibiddaa gubee balleessu waan ta'eef
ani uduu kana hojjadhee jiraadhee qabeenna kiyya maraa silaa balleessee ture.
13« Hennaa garbichi kiyya ka dhiiraatii fi garbittiin tiyya ta intalaa na woliin wol falmanii,
falmii isaanii tuffadhee yoo jiraadhe,
14Gaafa Rabbiin afoo murti'iif dhiyaadhe atta ta'a?
yoo na naannayu'uuf dhufe maal deebisaaf?
15Ka gadaamessa keessatti na uume;
ka tajaajiltoota tiyyallee uume isaa mitii?
ka gadaamessa keessatti
nu maraa hojjate isaa mitii?
16«Hiyyeessa na kadhate dhooggadhee;
haadha hiyyeessaa fuula dhooggadhee yoo jiraadhe;
17Buddeena kiyya yoo hojja nyaadhee jiraadhe,
Yoo hiyyeessaan hin geenne ta'e;
18Ani garuu dargaggummaa kiyya irraa jalqabee akka abba'aatitti isaan guddiseera;
haadha hiyyeessaallee urga dhaladhe irraa jalqabee karaa itti mudhiseera.
19Namni tokko uffata dhabee yookaan hiyyeessa qullaa ta'ee yoo argee jiraadhe,
20Uffata rifeensa hoolota tiyyaa irraa hojjatame uwwiseenii
itti oo'ee na hin eebbifne yoo ta'e,
21Ani yaa'ii murti'ii biratti naa dhagayan jedhee
yoo hiyyeessa irratti harka kiyya kaasee jiraadhe,
22harki kiyya ceekuu irraa haa buqqa'u,
ciqileen kiyyallee cabsata irratti haa cabu.
23Ani balaa Rabbii waan sodaadhuuf,
waan akkanaa kanniin hojjachuu hin dandeenne.
24«Worqii abdii godhadhee;
worqii mishaallee yoo si abdadha jedheenii jiraadhe,
25Qabeenni kiyya waan baay'ateef
Harki kiyya waan baay'ee argateef yoo gammadee jiraadhe,
26Aduun hennaa ifu
jiinillee hennaa ulfinnaan deemu argee
27garaan kiyya dhossa'aan sobamee,
afaan kiyyallee yoo harka kiyya dhungatee jiraate,
28waan kana godhu'uun Waaqa ol gubbaa taa'u silaa hin waakkadha ture;
hujiin akkanaa kunniin sababaa cubbuu murtii du'aa namatti fiduuf.
29«Badii nama na jibbuutitti hin gammanne,
hennaa wonti hamaan isaan irra gayu natti hin tolle.
30‹Diintonni tiyya haa badan› jedhee abaaru'uun
cubbuu hin hojjanne.
31Dhugamaan maatiin kiyya
‹namni isa biratti nyaatee hin quufne eennu?› jedhanii ragan.
32Ani waan mana kiyya kara deemtu'uuf banaa godhuuf,
sirima keessummaan raasaa bultu hin jirtu.
33«Yakka kiyya bobaa kiyya jalatti qabadhee
cubbuu kiyyallee akka namaa yoo dhossee jiraadhe,
34Baay'inna bani'ii sodaadhee
waan maatiin kiyya na tuffateef nayee
hennaan ani cadhisee manatti dhokadhe hin jiru.
35«Maal ka na dhagawu uduu jiraatee!
silaa waan uf irraa dhoogguun dhiyeeffadha;
Waandhi maraa danda'u naa haa deebisuu!
maal uduu barreeffamni himanna'aa ka diina kiyyaa naa argamee!
36Silaa akka malkata badhaasaatitti qoma kiyya irra kaayadha,
akka gulloo ulfinnaatittillee mataa kiyya irra kaayadha ture.
37Akka nama baallii qabuutitti uggiinsaan Rabbiin afoo dhaabadhee
waan godhe maraa tartiibaan ibsaaf ture.
38«Worra seeraan abbaa lafaa ta'an dhiphisee
lafa isaanii yoo fudhadhee qotee jiraadhe,
39yoo sanyii gatii malee nyaadhee jiraadhe
abboota lafaallee yoo gaddisiisee jiraadhe,
40Bikka qamadi'ii qoree'e,
bikka garbu'uu qummuudduun natti haa bawu»
dubbiin Iyyoobii asitti dhume.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.