Dubbii Nagayaa Ka Luqaasii 22 - Kitaaba Woyyuu

Yesuusiin Ajjeesu'uuf Mari'atan(Mat. 26:1-5,14-16; Mar. 14:1-2,10-11; Yoh. 11:45-53)

1Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate.

2 Anillee ammo jeennata tiyya keessatti hurbaata kiyya nyaata'aa dhuga'aa gosa Israa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan; jeennata keessa akka teettan isin muudeera.»

Yesuus Akka Pheexroos Ganu Firrisee Dubbate(Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38)

31Gooftaan ammallee akkana jedhe, «Simoon! Simoon! kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate.

32Yoh. 17:9-15; 21:15 Ani ammo akka amantiin kee hin banne sii kadhadhe. Ati hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.

3322:54 Innillee akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera»

3422:61 Yesuus ammo, «Pheexroos! ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ‹ani si hin beeku› jettee adha hennaa sadihi na ganta» jedheen.

Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Faateffate

35 9:3; 10:4; Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9 Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, qaraciitii yookaan kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe.

Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.

3622:49 Inni ammo, «Ka korojoo, yookaan qaraciitii qabu haa qabatuu; akkasuma ka guraadee hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu.

37Isa. 53:12 Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u na irratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.

38Isaanillee, «Gooftaa! kunoo guraadee lamatu as jira» jedhaniin; Innillee, «Hin gaya!» isaaniin jedhe

3921:37; Mar. 14:26; Yoh. 18:1 Yesuus achi keessaa bayee akkuma aadeeffate gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.

4022:46 Haga hulee san gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.

41Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiiffatee,

42Mat. 6:10; Yoh. 6:38 «Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e mijuu tana na irra dabarsi. Haa ta'uu ammo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in» jedha'aa faateffate.

43Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe.

44Ibr. 5:7 Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.

45Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee,

4622:40 «Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe.

Yesuusiin Qaban(Mat. 26:47-56; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11)

47 Hu. Er. 1:16 Uduu inni dubbata'aa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deema'aa ture. Inni Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.

48Yesuus ammo, «Yihuudaa'a! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» jedheen.

49Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa'a! guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin.

50Yoh. 18:26 Isaan keessaa tokkochi hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure.

51Yesuus ammo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a!» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.

52 22:37 Yesuus worra gara isaa dhufan bulchoota gadootaa, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii dhuftanii?

5319:47; 21:37; Yoh. 7:30; 8:20; Qol. 1:13 Hennaa guyyama guyya'aan mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu na hin tundhe; amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi ka baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.

Pheexroos Yesuusiin Gane(Mat. 26:57-58,69-75; Mar. 14:53,54,66-72; Yoh. 18:12-18,25-27)

54 22:33 Isaan Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammo fago'otti isa faana deema'aa ture.

55Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru,

56Hojjattuun takka xiinxallitee laaltee, «Kunillee Yesuusiin woliin ture» jette.

57Inni ammo, «Intalattii nana! ani isa hin beeku» jedhee waakkate.

58Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argee, «Atuu isaanuma keessa» jedheen.

Pheexroos ammo, «Namana namni sun anaa miti» jedheen.

59Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Galiila'aati; dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe.

60Pheexroos ammo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbata'aaru lukkuun iyye.

61 22:34 Hennaa san Gooftaan midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroos dubbii Gooftaan, «Adha uduu lukkuun hin iyyine hennaa sadihi na ganta» jedhe qaabate.

62Pheexroos diida bayee mararamee booye.

63Namoonni Yesuusiin qaban isatti balda'aa dhaanan.

64Isaan ija isaa hidhanii, dhaya'aa waan turaniif, «Ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan.

65Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arrabsa'aanii turan.

Yesuus Yaa'ii Murti'iititti Dhiyaate(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26)

66 Mat. 27:1; Mar. 15:1 Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wol gayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii,

67Yoh. 3:12; 8:45; 10:24 «Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» jedhaniin. Inni ammo, «Yoo ani isinitti hime hin amantan;

68Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitan.

69Far. 110:1; Hu. Er. 7:56 Haa ta'uu ammo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a!» jedheen.

70 4:3-9; Mat. 4:3 Isaan martinuu, «Eegasuu ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin.

Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aartan» isaaniin jedhe.

71Isaan, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneerra, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help