Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Aminoonii Fi Timaar

1Ilmi Daawitii Abeseloom obboleettii bareedduu hin heerumne ta Timaar jedhamtu qaba; ilmi Daawitii ka Aminoon jedhamu Timaariin jaalate;

2inni guddisee waan isii jaalateef hin dhibame; isiin durba waan taateef isii bira gayuu hin dandeenne.

3Garuu inni goshoo qaroo waa beeku ka Yoonaadaab jedhamu qaba; inni ilma obboleessa Daawitii ka Shaama'aa ture.

4Innillee isaan «Ati ilma mootichaa taatee guyyama guyya'aan maaf akkana huqqatte? mee natti himi» jedheen; Aminoon «Mucattii obboleessa kiyyaa obboleettii Abeseloomii Timaariin jaaladhe» jedheen.

5Yoonaadaabillee isaan, «Dhibameera jedhii siree irra ciisi yoo abbee si gaafachu'uuf dhufe ‹obboleettiin tiyya Timaar dhuftee waan nyaadhu uduu ani argu bilcheessitee harka ufiitiin akka afaan na keettu itti naa himi jedhiin› » jedheen.

6Kanaan maayessa Aminoon dhibameera jedhee ciise; mootichi hennaa isa gaafachu'uuf dhufu «obboleettiin tiyya Timaar dhuftee xoroshoo bixilee lamaa uduu ani argu gootee harka ufiitiin akka afaan na keettu si kadhadha» jedheen.

7Kanaafuu Daawiti Timaarii mana mootummaa isaa keessa jirtuun «Gara mana obboleessa kee Aminoonii dhaqiitii waan nyaataa godhiif» jedhee nama isi'itti erge.

8Timaar gara mana obboleessa ufii Aminoonii yoo dhaxxu Aminoon rafee ture; isiin daakuu diqqoo fuutee dukkuuftee uduu inni argu xoroshoo gooteef.

9Isiin xoroshoo gooteef eelee irraa fuutee dhiyeessiteef inni garuu nyaatuu didee «Nama maraa manaa naa yaasaa'a» jedhe; namoonni maruu hin yaa'an.

10Achiin maayessa Aminoon Timaariin, «Afaan na keettaa gara golaa fuudhii koottu» jedheen; Timaar xoroshoo goote fuutee gara gola Aminoon jiruu fiddeef.

11Haga isiin waan inni nyaatu dhiyeessiteef isii qabee «Koottuu woliin rafnaa!» jedheen.

12Isiinillee deebiftee, «Obboleessa kiyya! wonti akkanaa kun Israa'eliin keessatti waan hin taane waan ta'eef yabo'oo na hin salphisin; waan fafaa kana hin hojjatin;

13yoo na salphifte ani attamitti ol jedhee banii keessa deema? atillee banii Israa'elii jiddu'utti hin salphatta, kana maraa irra mootichatti yoo himte ana sitti heerumsiisa» jetteen.

14Inni garuu waan isiin jetteen hin dhageenne; hunnaan waan isii caaluuf hunnaan qabee isii gudeede.

15Achiin maayessa Aminoon Timaariin asiin dura haga qara jaalate caalaa guddisee jibbee diina itti ta'e; innillee isi'iin, «Ka'ii asii deemi!» isi'iin jedhe.

16Isiin, «Ani hin bawu; ana manaa na ariinaan waan hamaa duraan hojjatte caalaa hojjatta» jetteen; inni garuu waan isiin isaan jettu dhagayuu dide.

17Hojjataa ufii waamee «Intala tana na afo'oo baasii balbala itti cufi» jedheen.

18Isiin uffata babarruu bareedaa uffattee turte uffata akkanaa kana ijoollee durbaatitu uffata; hojjataan isii manaa baasee balbala itti cufe.

19Timaar mataa ufiititti daaraa firfirsitee uffata bareedaa uffatte san tatarsaaftee mataa qabattee booya'aa deemte.

20Obboleessi isi'ii Abeseloom, «Obboleessa kee Aminoontu si salphisee? Obboleettii tiyya amma cadhi; obboleessa kee waan ta'eef waan kana garaa kee keessatti hin qabatin» isi'iin jedhe; achiin maayessa Timaar mana obboleessa ufii Abeseloomii hojja ufii teette.

21Mootichi Daawiti haga waan kana maraa dhagaye guddisee lole. Garuu inni ilma hangafaa waan ta'eef akkasuma waan isa jaalatuuf ilma ufii Aminooniin gaddisiisuu hin barbaanne.

22Sababaa Aminoon durbummaa obboleettii ufii ka Timaarii balleesseef Abeseloom Aminooniin guddisee jibbeen; deebi'ee waan mishaa ta'ee'e waan hamaa isa woliin dubbachuu hin barbaanne.

Abeseloom Haluu Baye

23Woggaa lamaan maayessa Abeseloom qachaa Efreemii hulee Ba'aalaaxoor jedhamee waamamutti rifeensa hoolotaa cira'aa ture; achiin maayessa ijoollee mootichaa ta dhiiraa maraa achitti nyaachisu'uuf waame.

24Abeseloom gara mootichaa dhaqee «Kunoo hojjataan kee rifeensa hoolotaa cira'aara; atii fi hojjattoonni teellee ana garbicha kee woliin akka deemtan si kadhadha» jedheen.

25Mootichillee Abeseloomiin, «Keessummaan waan sitti baay'atuuf nu marti dhufuu hin barbaachisu.» jedheen. Abeseloom garuu jabeessee isa kadhate; mootichi ammo eebbiseenii hafe; isa woliin hin deemne.

26Abeseloom mootichaan, «Yoo ufii hafte obboleessi kiyya Aminoon akka nu woliin deemu si kadhadha» jedhe. Mootichi ammo «Inni maaf si woliin deema?» Jedheen.

27Abeseloom guddisee waan isa kadhateef mootichi Aminoonii fi ijoollee mootichaa maraa akka isa woliin deeman maarre jedhe.

28Abeseloom nyaachisa mooti'iif barbaachisu qopheessee ture; Abeseloom hojjattoota ufiitiin, «Yoo Aminoon daadhii woyini'ii dhuge; akka machaaye laala'aatii yoo ani isa ajjeesaa jedhee isin ajaje hin sodaatina'aa ajjeesaa jedhee jabeessee isaan seere!»

29Hojjattoonni Abeseloomii akka Abeseloom isaan ajajetti Aminooniin ajjeesan; ijoolleen mooti'ii maruu ka'anii gaangiin ufii yaabbatanii gulufanii dheessan.

30Uduu gara manaa deema'aaran karaa irratti «Abeseloom ijoollee mootichaa maraa ajjeeseera isaan keessaa womaa hin hafne» oduun jedhu Daawitiin bira gaye.

31Mootichi ka'ee uffata ufii biinxee lafatti kufe; hojjattoonni isaa maruu uffata ufii biinxanii ladda isaa dhaabatan.

32Obboleessi Daawitii ilmi Shaama'aa Yoonaadaab ammo, «Gooftaa kiyya; isaan marti hin duune; Aminoonima callaa ajjeesan; Abeseloom wonti waan kana godhuu karoorfateef hennaa Aminoon obboleettii isaa Timaariin salphise irraa jalqabee waan aareeruuf.

33Amma ka du'e Aminoonima; ijoolleen mooti'ii maruu du'aniiran jettanii gooftaa mootii kiyya; garaa keessan keessatti akkas seetanii hin yaaddayinaa'a!» jedheen.

34Abeseloom haga waan kana godheen hin baqate; eedduun tokko hennaa ol jedhee laalu namoonni baay'een duubaan karaa ladda gaaraatiin hennaa dhufan arge.

35Iyyoonaadaab «Kunoo ijoolleen mootichaa waan dhufaniif wonti hojjataan kee jedhe ta'eera» jedheen.

36Haga dubbatee fixeen maayessa hennama san ijoolleen mootichaa laagaa ufii ol qabanii booyan; mootichinii fi hojjattoonni mootichaallee guddisanii booyan.

37Abeseloom ammo baqatee gara mootii Geeshuurii gara ilma Amihuudii gara Taalmaayii dhaqe; Daawiti mucaa ufiitii hennaa maraa booya'aa ture.Sam. 2ffaa 3:3

38Abeseloom baqatee gara Geeshuurii dhaqee achitti haga woggaa sadihii taa'e.

39Daawiti mootichi gadda du'a Aminoonii haga dhiise Abeseloomiin bira dhaqu'uuf guddisee yaade.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help