1Amma garuu worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii!
Rabbiin isin uume akkana jedha,
«Ani waan isin oolchuuf hin sodaatinaa'a;
isin banii kiyya;
maqaa keessaniinillee isin waameera.
2Hennaa bisaan ceetan
Ani isin woliin ta'a;
hennaa laga ceetan lanni isin hin liqimsu;
hennaa ibidda keessa seentanillee ibiddi isin hin gubu;
arrabni ibiddaa gubee daaraa isin hin godhu.
3Ani Rabbiin woyyichi Israa'elii Waaqaa fi fayyisaa keessan;
Ani isin oolchu'uuf biyya Misirii, biyya Itoophiya'aatii fi biyya Saaba'aa isinii kenna.
4Isin na biratti worra jaalatame;
Ani waan isin jaaladhuuf lubbuu teessan hambisu'uuf
bani'ii fi mootota tiyya isinii kenna.
5Ani waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a;
Ani isinii fi ijoollee teessanillee baya biiftu'uutii fi
dhiya adu'uutiillee wolitti qabee fida.
6Ijoolleen tiyya ta dhiiraa biyya fago'ootii akka dhufan
biyya gara kaabaa jiran hin tuqina'aa dhiisaa'a;
‹hin qabinalle'e› jedhee ajaja.
7Isaan banii maqaa kiyyaan waamamanii fi
ka ani midhaassee ulfinna kiyyaaf uume.»
Baniin Israa'elii Banii Waan Rabbii Ragu8Rabbi akkana jedha,
«Banii kiyya ka uduu ija qabu hin argine,
ka uduu gurra qabu hin dhageenne,
wolitti naa qabaa'a!
9Baniin maruu wolitti haa qabamuu;
isaan keessaa namni waan ammaatii fi waan durii ka duraan ibsee dubbate eennu?
nama dhuga'aa ta'uu ufiitii fi ragaa haa dhiyeeffatanii;
isaanillee dhagayanii dhuga'a haa jedhanii.
10Isin akka ani Rabbiin ta'e beettanii
akka natti amantaniif isin filadhe;
garboonni tiyyaa fi worri ragaa naa bayu isin;
dhugamaan ana malee Waandhi biraa hin jiru;
armaan durallee hin turre; uf afoollee hin jiraatu.
11«Ani Rabbi;
Ana malee ka fayyisu hin jiru;
12Ani waan durana ta'u'uuf ta'u firrisee dubbadheera;
ka isin oolche ana;
waaqolee tolfamaa worra ormaa keessaa tokkollee ka waan kana hojjate hin jiru;
waan kana maraafuu isin naa raga'a.
13Ani duruma irraayyuu jalqabee Waaqa;
harka kiyyaa eennullee eennuun hin oolchu;
waan ani hojjadhe ka jijjiiru hin jiru»
Baabilooniin Jalaa Bawuu'u14Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan keessan akkana jedha,
«loltoota waan keessaniif biyya Baabilooniititti duulu erga;
balbala dallawa qachatti'ii hin caccabsa;
dhaaduu worra Baabiloonii gara booyichaa jijjiira.
15Ani Rabbi Waaqa woyyuu keessan;
Israa'elii kiyya! natu isin uume;
mootiin keessanillee anuma»
16Rabbi galaana keessaan karaa baase;
bisaan keessaan hulee ceeyaniin hojjate.
17Worra farado'ootii fi konkolaataa fardaa duultota woraanaatii fi worra jajjaboota gara hulee isaan itti badanii isaan fide;
isaan kufaniiran; deebi'anii hin ka'an.
isaan akka ibsaa dhaamsu'uuf afuufaniititti badan.
18Rabbi akkana jedha,
«Waan armaan dura ta'e hin yaadinaa'a;
waan armaan dura raawwatamellee hin dhudhuminaa'a.
19Ani ammaa achi waan haarawa godha;
innillee ammuma mudhata;
lafa onaa keessaan karaa baasa;
lafa gammoojji'ii keessaan laggiin yaasa.
20Hennaa ani banii ufii filadhee bisaan isaanii kennu'uuf
lafa gammoojji'ii keessatti laggiin,
lafa onaa keessattillee bisaan fincaayaan akka yaa'u godhe
busaawaan lafa gammoojji'ii uduu hin hafne na kabajjan;
jeedallanii fi guchiiwwan na galatoonfatan.
21Baniin kunniinillee banii ufii uume waan ta'aniif
na galatoonfatan»
Cubbuu Worri Israa'elii Hojjate22Rabbi akkana jedha,
«Israa'el ijoollee Yaaqoobii,
isin na waamachuu dhiiftaniirtan;
na tajaajiluullee hin barbaanne.
23Hoolota teessan ta ciinca'aallee naa hin dhiyeessine;
ciincaa keessaniinillee na hin kabajjine;
Anillee akka kennaa naa kennitaniif isin hin rakkifne;
24Qarshii keessaniin hixaana urgaayu naa hin binne;
cooma ciincayeen na hin gammachiifne,
isin garuu baay'inna cubbuu keessaniitiin ba'aa natti taatan;
baay'inna yakka keessaniitiinillee na hifachiiftan.
25Wonti kun maruu ta'ee
ani Waaqa cubbuu keessan isinii dhiisu;
kana wonti godhuuf isiniif uduu hin taane ufiif jedheeti;
kanaafuu cubbuu keessan isinitti hin laakkayu;
26«Na qaabadhaa'a;
dubbii keessan dhiyeeffadha'aatii dhugaa keessan arganii isinii haa raganii.
27Abbaan keessan ka duraa cubbuu hojjate;
barsiisonni teessanillee yakka hojjatanii na gaddisiisan.
28Kanaaf battaawuu bulchoota mana woyyu'uu ifa baase;
worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobiillee akka salphatanii fi
akka sirima badan isaan godhe.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.