1Yooseefillee Fari'ooniin, «Abbaan kiyyaa fi obboleewwan tiyya, loowwan isaaniitii fi wonti isaan qaban maruu biyya Kana'aanii keessaa bayanii biyya Geeseemii jiran» jedheen.
2Obboleewwan ufii keessaa namoota shanii Fari'ooniin afoo fide.
3Fari'oon, «Hujiin keessan maali'i?» jedhee isaan gaafate;
Isaanillee Fari'ooniin «Nu garboonni teetii fi abboonni teennallee worra hoolota horsiisu.
4Beelli biyya Kana'aaniititti guddisee waan hammaateef hulee hoolota teenna itti tiffannu dhabnee biyya kana keessa taa'u'uuf dhufneerra; nu garboonni tee biyya Geeseemii akka teennu si kadhanna.» jedhaniin.
5Fari'oon Yooseefiin, «Abbeetii fi obboleewwan tee dhufaniiran;
6lafti Misirii tun badho'oo obboleewwan teetii fi abbeetiillee hulee mishaa kenniif; biyya Geeseemii keessa haa jiraatanii; isaan keessaa nama beekkumsa qabu yoo ka beettu ta'e worra horii kiyya tissan irratti bulchaa godhi» jedheen.
7Yooseef abbaa ufii Yaaqoobiin gara Fari'oonii fidee isa afoo dhaabsise; Yaaqoobillee Fari'ooniin eebbise;
8Fari'oon Yaaqoobiin «Umuriin kee meeqa» jedheen.
9Yaaqoobillee Fari'ooniin «Ani woggaa dhibbaa fi soddoma ta'eera; bara jireenna kiyyaa keessa wonti badaanillee na irra gayeera; barri kiyya haga bara abbootiin teenna lafa irra jiraatanii hin gawu» jedhee;
10Fari'ooniin eebbisee biraa baye.
11Achiin maayessa Yooseef akkuma Fari'oon isa ajaje obboleewwan ufiitii fi abbaa ufii lafa biyya Misirii keessatti naannoo Raamse'ee ristii isaanii kenne.
12Yooseef abbaa, obboleewwan ufiitii fi maatii ufii maraafuu midhaan haguma isaanii gawu kenneef.
Guddinna Beelaatii Fi Bulchiinsa Yooseefii13Biyya marattuu midhaan waan hin jirreef beelli guddisee hammaatee sababa beelaatiif biyyi Misiriitii fi biyyi Kana'aanii maruu hin miidhame.
14Yooseef qarshii midhaanii ka biyya Misiriitii fi ka biyya Kana'aaniititti gurgurate maraa wolitti qabee mana Fari'ooniititti galche.
15Qarshiin biyya Misiriitii fi ka Kana'aanii dhumnaan namoonni biyya Misiriitii maruu gara Yooseefii dhufanii «Maaf beelaan dhumna? midhaan nuu kenni» jedhaniin.
16Yooseef, «Horii loonii keessaa naa fidaa'a; bikka san midhaan isinii kennaa» jedhe.
17Isaan horii, faradoo, hoolota, sa'oolee, harriin Yooseefii kenninaan inni bikka san midhaan isaanii kenne; woggaa san bikka horii isaanii midhaan isaanii kenne.
18Woggaan sun dhumnaan woggaa lammeesso'oollee gara isaanii dhufanii «Nu'u gooftaa keenna hin dhoffannu qarshiin keenna maruu nu jalaa dhume; horiin loonii keenna ammo gooftaa keenna bira jira; nu lafa tanaa fi uf malee womaa hin qabnu.
19Nu maaf si biratti dhumna? biyyi teennallee maaf baddi? nu'uu fi biyya teennallee midhaaniin biti; nu fari'oonii garboota haa taanuu; lafti teennallee ta isaa haa taatuu; nu akka du'a oollu, lafti teennallee akka hin banne midhaan facaafannu nuu kenni» jedhaniin.
20Yooseef lafa biyya Misirii maraa Fari'oonii bite; waan beelli namoota Misiriititti jabaateef ristii ufii gurguratanii lafa qabeenna Fari'oonii taate.
21Banii biyya Misirii maraa daanga'aa kaasee haga daangaa kaanii garboota isaan godhate.
22Inni lafa gadootaa callaa dhiise; waan gadoonni Fari'ooniin irraa durgoo argataniif isaan lafa ufii itti hin gurguranne.
23Yooseef bani'iin, «Ani adha isinii fi lafa keessanillee Fari'oonii biteera sanyii fuudha'aatii facaafadhaa'a.
24Hennaa midhaan gaye harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennaa'a; arfan hafe ammo maasaa keessanii fi nyaata maatii keessaniitiif haa ta'uu» isaaniin jedhe.
25Isaanillee, «Akkuma ati du'a nu oolchite nuullee gooftaa keenna afo'otti gaachena nuu haa kennuu; nullee Fari'oonii garboota taanaa» jedhaniin.
26Yooseefillee lafa gadootaatii achi haga adhaa biyya Misiriititti harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennuun seera ta'e.
Dhaamsa Yaaqoob Dhuma Irratti Dhaamate27Israa'el biyya Misirii Geeseemiin keessa jiraatee bulche, hin horan, guddisanii baay'atanille'e.
28Yaaqoob biyya Misirii keessa woggaa kudha torba taa'e; umuriin Yaaqoobii woggaa dhibba tokkoo fi afurtamii torba.
29Israa'el hennaan du'u geennaan ilma ufii Yooseefiin waamee «Yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe koottuu gudeeda kiyya qabii akka biyya Misiriititti na hin awwaalle dhugamaan naa kakadhu.
30Yoo ani du'e biyya Misirii keessaa na baasii awwaala biyya abboonni tiyya itti awwaalamanitti na awwaaltaa» jedheen.
Innillee, «Akkuma ati jette sii godha» jedheen.
31Yaaqoob, «Naa kakadhu» jedheen; Yooseefillee hin kakateef; Israa'el gara mataa siree ufiitiin Rabbii sagade.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.