1Hennaa san worri raaga dubbatan Hageenii fi fiixaan Ado'oo Zakkaariyaasillee worra Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin keessa jiranitti maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga isaanitti dubbatan.
2Hennaa ilmi Salaatiyaalii Zarubaabel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun fa'a ka'anii mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaruu jalqaban raattonni Rabbii ka isaan gargaaranillee isaan woliin turan. Hag. 1:12; Zakk. 4:6-9
3Bara san bulchaan laga Efraaxisii gama jiru Tantinaayi, akkasuma Satarbuzinaayi, worri isaaniin wol ta'anillee gara isaanii dhufanii «Akka mana kana ijaartan, dallawa kanallee akka haarawoomsitan eentu isin ajaje?» isaaniin jedhan.
4Maqaan namoota hujii kana hujanii hoo eennu? jedhanii isaan gaafatan.
5Ijji Waaqa isaanii garuu jaarsota Ayihuudi'ii waan eega'aa turteef; wonti kun mooticha Daariyoosiin bira gayee deebiin xalaya'aan haga deebi'uuf hujii isaan hin dhooggine.
6Yaanni xalayaa mooticha Daariyoosiif erganii ka Tantinaayii, ka Satarbuzinaayii, akkasuma ka Afarsikoota isaan gargaaran ka laga Efraaxisii gama jiraataniillee kana ture.
7Xalayaa akkana jedhu isaa ergan. «Bulchiinsa mooticha Daariyoosiitiif nageenni haa ta'u!
8Gara biyya Yihuuda'aa gara mana Waaqa gudda'aa akka dhandhe mootichi haa beekuu. Inni dhagaa gugurda'aa fi muka bocameen ijaarame, girgiddaa keessaa muka bocame godhan; hujiin mana saniillee harkuma isaaniitiin daddafee hojjatama'aara.
9«Jaarsota sanniinillee ‹Akka mana kana ijaartan, girgiddaa isaallee akka haarawoomsitan eentu isin ajaje?› jennee gaafanne.
10Akkasuma worra muudaman ka isaan bira jiran sitti beessisu'uuf maqaa isaanii gaafanne.
11«Isaan nuun ‹Nu'u garboota Waaqa ardi'ii fi Samii uumeeti; kanaafuu mana mootichi Israa'elii guddaan baroota baay'e'een dura ijaareefii ture deebifnee ijaara'aarra» jedhanii nuu deebisan.
12Abboonni teennallee Waaqa Sami'ii waan mufachiisaniif Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii nama gosa Kalaadaawotaatitti dabarsee isaan kenne. Mootichi kun mana kana diigee banii ammo gara Baabiloonii ari'e. Mot. 2ffaa 25:8-12; Sen. 2ffaa 36:17-20; Erm. 52:12-15
13Haa ta'uu ammo bara mootiin Baabiloonii Qiroos mooye woggaa jalqabaatitti, Qiroos mootichi mana Rabbii kana akka ijaaran ajaje. Izra 1:2-11
14Meeshaa mana Rabbii ka birri'iitii fi ka worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Woyyuu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee gara mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiruu fide, mootichi Qiroos mana qulqulluu Baabilooniitii baasee nama muudamaa Sasaabisaar jedhamutti kennee,
15«Meeshaa kanniin qabadhuu deemiitii mana qulqulluu Yerusaalemiin keessa jiru keessa kaayi; manni Rabbiillee hulee sanitti haa ijaaramuu» jedheen.
16Kanaafuu Shashbaazaar dhufee mana qulqulluu Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaruu jalqabe. Garuu hennaa san irraa jalqabee manni woyyuun haga hennaa sanii ijaaramee hin dhumanne.›
17«Ammallee wonti kun mooticha afo'otti yoo waan mishaa ta'e, manni Rabbii kun Yerusaalemiin keessatti akka hojjatamuuf yoo mootichi Qiroos ajajee jiraate manni galme'ee ka Baabilooniin keessa jiru haa qoratamuu; waan kanaafillee mootichi murtii ufii nutti haa beessisuu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.