Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu 2 - Kitaaba Woyyuu

Idaayyittii

1Ani akka abaaboo lafa gammoojji'iitii fi

akka abaaboo arfaasa'aati.

Idaayyicha

2Jaalalloon tiyya dubartoota keessaa

akka abaaboo bareedaa qoree keessaa mudhatuuti.

Idaayyittii

3Jaalalloon kiyya hennaa dargaggeeyyi'iin wol bira qabamu

akka muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniiti;

anillee jaaladhee gaaddisa isaa jala taa'ee hara baafadhe;

daraaraa isaa nyaadhee natti mi'aaye.

4Gara mana nyaataa na seensise;

kaayoon inni na irraa qabu jaalala.

5Ani waan guddisee isa jaaladhee dhibameeruuf

daraaraa woyini'ii na nyaachisaa'a;

muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniinillee na gammachiisaa'a.

6Harka ufii ka bita'aa na boraasisa;

harka mirgaatiin garuu na ammata.

7Isin babbareeddan Yerusaalemii!

jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi ka akka gadamsa muka keessaa,

haga inni ufumaa ka'utti tuxxanii isa hin dammassinaa'a.

Faaruu Lammeesso'oo

Jaalalti Waa Maraa BareechiftiIdaayyittii

8Jaalalloon kiyya hennaa gaarranii fi tulloota irra utaala'aa daddarbama'aa dhufu;

laagaan isaa hin dhagayama.

9Jaalalloon kiyya borofa yookaan ilmoo gadamsaa fakkaata;

Ani hennaa fodda'aan isa laalu

dallawa keenna duuba dhaabateera.

10Jaalalloon kiyya akkana naan jedha;

Idaayyicha

Jaalalloo tiyya! ka'i;

bareedduu tiyya koottu.

11Ganni lufeera;

roobni dhaabateera;

12hulee gara garaatitti daraaraan daraaree mudhatuu jalqabeera;

hennaan faaru'uullee gayeera;

laagaan handari'iillee dhagayama'aara.

13Munni hurbu'uu daraaruu jalqabe;

woyiniinillee daraare;

abaaboonillee urgaaye

kanaafuu jaalallee tiyya! ka'i;

bareedduu tiyya! koottu woliin deemnaa.

Idaayyicha

14Ati akka handarii goda keessatti dhokatteeti;

mee hennaa tokko fuula kee na argisiisi;

laagaa kee dhageessisi;

qoonqi kee namatti tola;

fuulli kee bareeda.

Hiriyyoota Idaayyitti'ii

15Waan woyiniin keenna daraareef

jeedallanii fi jeedallan ka woyinii keenna balleessan

siibo'oon nuu qabaa'a.

Idaayyittii

16Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati;

horii ufii abaaboo keessatti bobbaafata.

17Jaalalloo kiyya! uduu lafti hin bariine

uduu qilleensi bariisa'aa hin kaane

akka ilmoo borofaa yookaan akka ilmoo gadamsaa

gaara irra utaala'aa koottu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help