1Rabbi akkana jedha,
«Worri anaa fi balchummaa soxxan na dhagayaa'a;
gara dhagaa irraa argamtaniitii fi
gara boolla keessaa baatanii laalaa'a.
2Gara Abrahaamii abbaa keessaniitii fi
gara Saaraa isin deettee laalaa'a;
ani hennaa Abrahaamiin waamu inni ilma hin qabu ture;
ani garuu isa eebbisee;
fiixaa isaa baay'ise.
3«Ani Rabbi Tsiyooniin hin jajjabeessa;
lafa isi'ii ta ona taate akka lafa jeennataa,
lafa isi'ii ta gammoojji'ii akka laliftu taasisa;
isii keessa qanani'ii fi gammachu'utu jira;
laagaan faaruu galataallee isii keessaa dhagayama.
4«Banii kiyya! dhagayaa'a! waan ani isiniin jedhu caqasaa'a;
seerri na biraa baya;
murtiin kiyyallee banii maraafuu ifa ta'a.
5Ani daddafee dhufee isaan oolcha;
hennaan ani dimmaa mooyadhu hin dhufa;
hunna kiyyaan banii maraa bulcha;
baniin biyya galaanaan marfamte keessa jiraatan
abdi'iin na eeggatan;
hunna kiyyallee hin hedatan.
6Ol jedha'aa gara samiiwwanii, gad jedha'aa ardiillee laalaa'a;
samiiwwan akka aaraatitti bittinnaayanii badan;
ardiin akka uffataatitti moofti;
worri isii irra jiraatu maruu akka tiisisaatitti du'an;
ani garuu baraa haga bara baraa fayyisa;
balchummaan kiyya dhuma hin qabu.
7Isin worri waan sirrii ta'e beettanii fi
namoonni seerri kiyya onnee keessan keessa jiru na dhagayaa'a;
dhaadhessaa namootaa hin sodaatinaa'a;
arraba isaaniitiifillee hin nayinaa'a.
8Isaan akka uffata rimmi nyaateetii fi
akka woyaa fuutta'aa ka raammoon nyaatuu ta'an;
ani garuu baraa haga bara baraa oolcha;
oolchuun kiyya dhalootaa gara dhalootaa lufa»
9Yaa Rabbi! ka'ii hunna kee mudhisi!
akkuma dur dhaloota bara sanii keessatti goote ka'i;
jawwee galaana keessaa ka Ra'aab jedhamu ka kukkutee butuche si'i.
10Worri ati oolchite akka ceeyaniif bisaan galaanaatii fi xiillaa gossee
ka karaa isaanii baase si'i.
11Kanaafuu Rabbi worri ati oolchite
faarfata'aa gara Yerusaalemii dacha'an;
baraa haga bara baraa gammadan;
usheexxanii gammada'aa jiraatan;
gaddaa fi booyichi isaan irra hin jiru.
12Rabbi akkana jedha,
«ka isin jajjabeessu ana;
eeganaa nama akka margaa quuruu fi
du'u maaf sodaattan?
13Rabbii uumaa keessan ka samiiwwan diriirsee fi
ka ardiillee badhise irraanfattaniirtan;
sababaa worra isin miidhuu fi isin balleessuutiif
sodaata'aa jiraattan;
worri isiniin lolu meeti?
14Worri mana hidha'aa keessa jiran nyaata dhabanii du'anii hin awwaalaman;
mana hidha'aa keessaa daddafanii bayan.
15«Ani Rabbi Waandhi keessan akka dambalii huursuutitti
galaana sochoosa;
maqaan kiyya Waaqa banii maraati.
16Dubbii kiyya arraba kee irra kaaya;
gaaddisa harka kiyyaa jalatti si golga;
ka samiiwwaan badhise; ka ardiillee diriirse ana;
Tsiyooniin ‹Ati banii kiyya› jedha.
Rabbi Yerusaalemitti Dheekkame17Ati Yerusaalem ta Rabbiin harkaa mijuu lola Rabbii
kobbee guddaa ka nama gatantarsu keessaa dhuddee coongifte
dammaqi; ka'ii dhaabadhu!
18Ka si masakku sirima hin jiru;
ijoollee ufii deettee fi ta guddifatte maraa keessaallee
harka kee qabee ka si masakku hin argamne.
19Badiinii fi diiggamuun, lolaa fi beelli
kunniin lamaanuu si irra gayeera;
eentu si woliin gadda?
eentu si jajjabeessa?
20Ijoolleen tee akkuma borofa siiboon qabee,
karama marattuu gatantaranii kufaniiran;
lollinii fi adabbiin Rabbii Waaqa keetii isaan irratti bu'eera.
21Kanaafuu isin worri daadhii woyini'ii uduu hin taane
rakkinnaan machooftan waan kana dhagayaa'a.
22Rabbi Gooftaan Waandhi keessan ka waamsa bani'ii dhagayu
«mijuu rakkinnaa ka akka nama machaaye gatantarsu isin irraa kaaseera;
ammaa achi ani lola kiyya gudda'aan isiniin hin lolu.
23Ani worra mijuu rakkinnaa ka ‹gad jedhi dudda kee irra deemnaa›
siin jedhanii fi namoota si rakkisaniin lola;
ati akka isaan si irra deemaniif dudda kee
akka lafa karaa namni irra deemuu isaanii goote.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.