Kitaaba Faaru'uu 95 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Galataa

1Koottaa'a; gammada'aa

Rabbii haa faarsinuu!

goda fayyinna keennaatitti haa ililfannuu!

2Galata qabannee isa afoo haa dhiyaannuu;

faaru'uun isa haa janyuu.

3Rabbi Waaqa guddaa waan ta'eef;

waaqolee maraa caalaa mootii gudda'a.

4Gad fagoowwan ardi'ii isa harka jiran;

qacceewwan gaarraniillee ka isaati.

5Inni waan isa uumeef; galaanni ka isaati;

lafa gogaallee harka isaatitu uume.

6Koottaa'a; isa haa waaqeffannuu!

isaa haa sagannuu!

Rabbii uumaa keenna afo'otti haa jilbiiffannuu.

7Inni waan Waaqa keenna ta'eef;

nu'u hoolota tika isaa jala jiru;

banii inni bobbaasu;

adha yoo laagaa isaa dhageettan;

8«Akka hennaa lafa gammoojji'ii Maasa'atti guyya'aan;

akkuma Mariiba'attillee gootan san

garaa hin jabaatinaa.

9Yoma hujii kiyyallee argan

abboonni teessan achitti na qoran;

guddisanii na qoran.

10Dhaloota san woggaa afurtamaa guutuu loleen;

Ani, «Banii garaan fagaate;

ka karaa kiyyallee hin beenne» jedhe.

11Kanaafuu «Sirima gara hara baafannaa kiyyaa

hin galan» jedhee;

lolee kakadhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help