Kitaaba Mammaakaa 23 - Kitaaba Woyyuu

1Hennaa bulchaa woliin waa nyaachu'uuf teettu;

waan si afoo jiru xiinxallii hubadhu.

2Yoo nyaachu'uuf muddamtee jiraattellee;

uf qabi.

3Dhiyanni isaa mi'aayaan si hin kajeelchisin;

nyaanni waan si sobuuf.

4Durummaa argachu'uuf jettee uf hin dadhabsiisin;

ogummaa yaada kee dhooggituun qabaadhu.

5Ija kee yoo qabeenna kee irra keette yoosuu bada;

akkuma bajjaa samii irra bararuu

koola baafatee bararee bada.

6Dhiyana dondhaa hin nyaatin;

dhiyanni isaa mi'aayaanillee si hin kajeelchisin.

7Inni hennaa maraa nama gatii bikku waan ta'eef

afaanumaan «Nyaadhu; dhugi» siin jedha;

garaan isaa garuu si woliinii miti.

8Diqqommaan nyaattellee ol si deebisiisa;

galata keellee hin balleessita.

9Nama gowwaa woliin hin qaaqin;

waan dubbii kee ka ogumma'aa si jalaa salphisuuf.

10Malkata daanga'aa ka ture hin buqqisin;

lafa ijoollee abbaa hin qabnee hin dhiibin;

11Ka isaan oolchu jabaa waan ta'eef

Inni isaanii murteessa.

12Garaa kee gorsaaf;

gurra kee beekkumsaaf kenni.

13Finna adabuu irraa duubatti hin jedhin;

harcumme'een dhaante'eef hin du'u.

14Harcumme'een adabi;

lubbuu isaa du'a oolchi.

15Ilma kiyya! yoo garaan kee ogeessa ta'e;

garaan kiyyallee hin gammada.

16Afaan kee yoo waan sirrii ta'e dubbate

keessi kiyya maruu hin gammada.

17Garaan kee cubbamtootatti hin hinaafin;

garuu hennaa maraa guddisii Rabbiin sodaadhu.

18Boruuf abdii dhuga'aa qabaatta;

abdiin keellee duwwaa hin ta'u.

19Ilma kiyya! dhagayi; ogeessa ta'i;

garaan kee karaa qajeelaa irraa hin dabin.

20Worra daadhii woyini'ii guddisanii dhugan;

worra guddisanii foon nyaatan woliin goshoo hin ta'in.

21Worri machaayuu fi worri garaa jaalatu hin hiyyooman;

hirriba jaalachuun dasuu ciccitaa namatti uwwisa.

22Abbaa kee ka si uumate dhagayi;

haadha tee hennaa jaarte hin tuffatin.

23Dhugaa biti malee hin gurgurin;

ogummaa, gorsaa fi hubannaa horii kee godhadhu.

24Abbaan nama balcha'aa guddisee gammada;

ka ilma ogeessa qabullee guddisee isatti gammada.

25Abbeetii fi haatee haa gammadanii;

haati si deettellee haa usheexxituu.

26Ilma kiyya garaa kee naa kenni;

ijji tee karaa kiyya irraa hin gorin.

27Haati manaa sagaagaltuun akka boolla dhipho'ooti;

dubartiin saarageen akka boolla qilee keessaati.

28Akka saamtu'uutitti riphxi;

namoota jiddu'utti worra adaba hin qabne baay'eessiti.

29Ani badeen ka eennuuti?

gaddi ka eennuuti?

lolli ka eennuuti?

mararoon ka eennuuti?

akkanumaan madaayuun ka eennuuti?

ija diimachuun eennuuf?

30Ka worra daadhii woyini'ii dhuga'aa hennaa ufii dabarsaniiti;

worra naannaya'aa daadhii woyini'ii

ka wolitti makame dhadhamuuf.

31Bifti isaa diimatee yoo burcuqqoo keessaa calalaqe;

hennaa qajeelee gad bu'u,

gara daadhii woyini'ii guuttattee hin laalin.

32Dhuma irratti akka bofaa si iddaa;

akka buuti'iititti hadhaa facaasa.

33Ijji tee waan haarawa argiti;

sammuun keellee hin suura.

34Waan galaana irra ciifte;

akka waan qaccee utubaa markabaa irratti

irkatte fakkaatta.

35Ati, «Na dhayan, hin miidhamne;

na dhaanan natti hin dhagayamne;

eeganaa dhuddoo biraa akka argadhu

yoom dammaqa?» jetta.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help