Kitaaba Iyyoobii 38 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Rabbi Iyyoobii DeebiseRabbi;

1Kanaan maayessa Rabbi haboonbolattii keessa ta'ee Iyyoobii akkana jedhee deebise,

2«Dubbii beekkumsa malee dubbatamu kanaan

ka gorsa kiyya salphisu eennu?

3Eeganaa akka dhiiraa mudhii kee hidhadhu,

mee si gaafadhaa atillee naa deebisi.

4Hennaa ani ardii uumu ati eessa turte?

waan qaabattuu fi waan beettu yoo ta'e dubbadhu.

5Haga ardiin geettu ka bikke eennu?

ka isii irratti haada bikkaniin diriirse,

eennuun akka ta'e hin beettaa?

6-7Hundeewwan isi'ii maal irra dhaabate?

dhagaa roga isi'ii eentu dhaabe?

Urjiiwwan bari'ii hennaa woliin faarfatan;

hennaa maleekkonni maruu ililfatan ati eessa turte?

8Hennaa galaanni lafa keessaa dhooyee burqe;

ka balbala itti cufe eennu?

9Hennaa ani duumessa uffata isaa,

duumessa dukkanaayaallee marata isaa godhe,

10galaanatti daangaa;

balbalaa fi loosaallee natu itti godhe.

11Haga asii hin dhufta!

garuu as hin luftu!

dambaliin kee jabaanillee asumatti haa dhaabatuu ka jedhe ana.

12Iyyoob!

bara jireenna keetii sirima bariisaa ajajjee beettaa?

gagaarrinna lafaa akka hulee qabatu gooteertaa?

13bariisaan ardii irratti akka ifa argisiisu;

namoota hammeeyyii lafa itti dhokatanii raasee akka facaasu;

ajaja kennitee beettaa?

14Ifti ganamaa tullootaa fi dhooqota;

akka uffata dachaafameetitti dhaabatanii akka mudhatan godha;

akka chaappaa faara irra jiruutitti ifa godhee mudhisa.

15Hammeeyyii ifni jalaa fudhatameera;

irreen isaanii ka ol jedhellee cabeera.

16«Ati xiillaa galaanaa keessa seenteertaa?

garba ciisaa keessa deddeemteertaa?

17Balballi du'aa sitti mudhateeraa?

gaaddisa balbala du'aa hoo argiteertaa?

18Ardiin tun hagam badhoo akka taate hubatteertaa?

yoo maraa beettee jiraatte natti himi.

19«Karaan gara ifaa geessu kam?

huleen dukkanti jiraattu eessa?

20Gara hulee isaan jiraatanii geessuu dandeettaa?

karaa hulee isaan jiraatanii beettaa?

21Hennaa san waan dhalattee jirtuuf,

laakkobsi umurii keetiillee baay'ee waan ta'eef,

dhugamaan ati beekuu hin dhabdu.

22«Gara mana baradaan itti kuufamuu seenteertaa?

hulee baradaa itti wolitti qaban argiteertaa?

23Baradaan kun ka hennaa ani lolaa, woraanaa fi

ka hennaa rakko'oo itti fayyadamu'uuf kaayadhe.

24Karaan gara hulee ifti itti falaqqisuu fidu eessa?

yookaan qilleensi gara baya biiftu'uu ka lafa irra bubbisu eessaa ka'a?

25«Eentu karaa roobni bu'uun qopheesse?

eentu kirfaffuu gigissaan keessa jiruuf karaa qopheesse?

akka marga margisiisuuf;

26ardii womaa irra hin jirre irratti,

lafa gammoojji'ii namni irra hin jirre irratti akka rooba roobsu;

27lafa duwwa'aa fi gammoojjii ka quubsu;

akka margi itti margu ka godhu eennu?

28Roobni abbaa qabaa?

coccopha fixeensaa hoo eentu fudhate?

29Baradaa eentu argamsiise?

hurrii sami'ii hoo?

30Qorri bisaan akka dhaga'aatitti jabeessa;

hundee galaanaallee akka barada'aatitti iticha.

31«Urjiiwwan torban hidhuu dandeettaa?

yookaan urjii «Ooriyoon» jedhamu hiikuu dandeettaa?

32Yookaan urjii «Maazaaroot» jedhaman hennaa isaaniititti

yookaan urjii bineensa «Doobbaa» jedhamu fakkaatu ijoollee isaa woliin karaa itti mudhisuu dandeettaa?

33Seera Samiiwwan ittiin bulan beettaa?

seera kana ardii irratti akka ittiin bulan godhuu dandeettaa?

34«Lolaan bisaanii akka si liqimsuuf

laagaa kee ol fuutee duumessatti dubbachuu dandeettaa?

35Bakakkaan ajaja keetiin mandi'aa?

36Isa keessa ka ogummaa kaaye,

onnee namaa keessallee ka qaabii kaaye eennu?

37Biyyeen yoo jabaatu;

ka jabaate yoo wol qabatu;

38Ka duumessa sami'ii laakkayu'uuf ogummaa qabu eennu?

waabaa bisaanii ka sami'ii eentu gad qaba?

39Leencan bosona keessatti riphaniiran;

dhadhooltee nyaachisuu dandeettaa?

ilmoolee isi'ii ta beelofte hoo quubsuu dandeettaa?

40isaan goda keessatti riphan;

bosona keessallee hin ciisan;

41hennaa ilmooleen isi'ii Rabbitti iyyatan;

yoo waan nyaatan dhabanii raatayan;

harraagessaa ka nyaata kennu eennu?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help