Raajii Hisqeelii 15 - Kitaaba Woyyuu

Mammaaka Waan Muka Woyini'iitiif Himame

1Rabbi akkana naan jedhe,

2«Ilma namaa! jirmi woyini'ii jirma mukkiin biraa, dameen isaallee damee mukkiin bosonaa maali'iin caala?

3Waan tokko ijaaru'uuf hin fayyadaa? makkallaa meeshaa itti fannifatan irraa hojjatuun hin danda'amaa?

4Ibiddaan bobeessuu malee waan biraatiif hin fayyadu; yoo qacceen isaa gubatee bobayeen maayessa isaan waan tokko ijaaruu hin danda'anii?

5Uduu hin gubanneen duratti waan gatii hin qabne yoo ta'e haga ibiddi gubeen maayessa ka san caalaa faayidaa hin qabne ta'a.»

6Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «akkuma mukkiin bosona keessa jiran keessaa jirma woyini'ii muka qoraanii godhe banii Israa'eliillee akkasuma godha.

7Ani isaaniin lola; yoma henna'aaf ibidda jalaa bayanillee ibiddi isaan guba; ani hennaa isaaniin lolu akka ani Rabbiin ta'e beettan.

8Isaan ana abdachuu dhiisaniiran; anillee akka biyyattiin isaanii lafa onaa taatu godha» jedha Rabbiin maraa olii.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help