Raajii Daani'eelii 3 - Kitaaba Woyyuu

Fakii Worqi'ii Ka Nabukadanatsoor Dhaabe

1Mootichi Nabukadanatsoor fakii worqi'ii ka dheerinni isaa ciqilee jahaatamaa, ka dalgi isaa ciqilee jahaa gayu hojjachiise; bulchiinsa Baabiloonii keessa raasaa Duura'aa keessa fidee dhaabsise.

2Guyyaa eebbaa ka fakiin sun itti dhaabate kabajju'uuf worra biyya bulchan, worra baallii qaban, worra muudaman, worra gorsa kennan, worra baallii qaban ka naannoo gara garaa jiran maraa waamsise.

3Worri baallii qaban kunniin maruu ayyaana eebbaatiif wol gayanii tokkumma'aan fakii afoo dhaabatan.

4Hennaa san namni labsii labsu tokko laagaa ufii ol qabatee, «Isin baniin biyya gara garaatii dhuftanii fi gofti afaan gara garaa dubbattan!

5Hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu ka Masiinqo'oo, kiraaraa, meeshaa faaru'uu ka laagaa gara garaa kennu, laagaa boobaa afuufamuutii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan kuftanii akka fakii mootichi Nabukadanatsoor dhaabee sagaddan ajanyi isinitti bayeera.

6Namni fakii sanii kufee hin saganne yoo argame yoma san goola ibidda bobawuutitti gatama» jedhe.

7Kanaafuu namoonni maruu, baniin biyya gara garaatii dhufanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka laagaa gara garaa kennuu, laagaa boobaa sagalee afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhagayan gad kufanii fakii worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor dhaabe sanii sagadan.

Goshoonni Daani'eelii Waan Fakii Worqi'iitii sagaduu Dinnaan Himataman

8Hennaa san ogeeyyiin Baabiloonii gariin dhufanii worra Ayihuudi'ii himatan.

9Isaan mootii Nabukadanatsooriin, «mootii keenna! baraa haga bara baraa jiraadhu!

10Mootii keenna! ati akka fakii worqi'iitii hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu, laagaa boobaa afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa worri dhagayan akka kufanii sagadan labsii labsitee turte.

11Namni kufee hin saganne yoo jiraate goola ibiddaa keessatti akka gatamu ajaja kenniteerta.

12Amma kunoo worri ati worra godina Baabiloonii keessa jiran akka bulchaniif muudde ka Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo jedhaman, ka worra gosa Ayihuudi'ii ajaja kee hin raawwatan; waaqolee tolfamaa kee hin waaqeffatan, fakii ati dhaabdeefillee hin sagadan» jedhaniin.

13Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee aaree Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo akka waaman ajaje, isaanillee dhufanii mooticha afoo dhaabatan.

14Nabukadanatsoor isaaniin, «Isin Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! waaqolee tolfamaa kiyya waaqeffatu'uu fi fakii worqi'ii ka ani dhaabee sagaduu diduun keessan dhuga'aa?

15Eeganaa isin yoo laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan fakii ani dhabee kuftanii sagaddan misha'a; yoo sagaduu baattan garuu yoosuu boolla ibiddi itti bobawu keessatti gatamtan, Waandhi harka kiyya jalaa isin baasu akka hin jirre beekaa'a» isaaniin jedhe.

16Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo mootichaan, «Mootii keenna! waan kana irratti deebiin nu'u waan kana uf irraa ittisu'uuf deebisuu nu barbaachisu hin jiru.

17Waandhi nu tajaajillu ibidda bobawu kanaa fi harka kee jalaallee nu baasuu danda'a;

18Mootii keenna! yoma inni nu hambisuu baatellee, nu'u waaqolee tolfamaa kee akka hin waaqeffannee fi fakii worqi'ii ka ati dhaabdee akka hin saganne beeki» jedhanii deebisaniif.

Goshoonni Daani'eelii Sadiin Akka Ibidda Bobawutti Gataman Isaanitti Murtaaye

19Hennaa san Nabukadanatsoor Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaago'otti guddisee aaree fuulli isaa jijjiirame; kanaafuu inni goolli ibiddaa ka qaraa caalaa akka dachaa torbaa bobawu ajaje.

20Inni loltoota keessaa namoota jajjabaa jara sadiin sanniin boolla ibiddi itti bobawu keessatti akka isaan gatan ajaje.

21Kanaafuu isaan uduu uffata, qambisaa, surre'ee fi wonti mata'atti maratan maruu hin hafne akkuma uffataniin hidhanii goola ibiddi itti bobawu keessatti isaan gatan.

22Mootichi ibiddi akka guddisee bobawu ajaja jabaa kennee waan tureef namoota Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo ibiddatti gatan sanniin arrabni ibiddaa isaan ajjeese.

23Jarri sadiin sunniin ammo akkuma guddisanii hidhamanitti goola ibidda bobawuu keessa bu'an.

24Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor maalala'aa daddafee ka'ee, «Namoonni hiinee ibidda keessatti darbine sadiin calla'aa mii?» jedhee worra gorsan kennaa gaafate; isaanillee «Ee mootii keenna!» jedhaniin.

25Mootichi, «Ani namoota afurii ka hidhaan isaanii hiikkamee ibiddi isaan hin gubne ka achi keessa deddeema'aaran arga'aara; ka arfeesso'oo ammo ilma waaqole'ee fakkaata» jedhe.

Namoonni Sadiin Ibidda Keessaa Bayanii Muudaman

26Nabukadanatsoor gara goola ibiddi itti bobaya'aaruu dhiyaatee, «Isin worri Waaqa guddaa tajaajiltan Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! baya'aa as koottaa'a!» jedhee isaan waame; isaanillee ibidda keessaa bayan.

27Achiin maayessa worri biyya bulchan, worri baallii qabanii fi worri gorsa kennan maruu naannaya isaaniititti wol gayan; isaan akka ibiddi nafa isaanii hin miine, rifeensa mataa isaanii keessaa takkattiinillee akka hin gubanne, bifti uffata isaanii akka hin jijjiiramnee fi ka biraatuu dhiisii foolimmaan aara ibiddaatuu akka isaan hin tundhe argan.

28Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo galanni haa gawu! inni ergamaa ufii ergee tajaajiltoota ufii kanniin hambiseera; isaan Waaqa ufii abdatanii isaa saganna malee waaqolee biraatii hin sagannu; jedhanii ajaja mooti'ii didanii jireenna ufii balaa irratti gatanii turan.

29Waaqa kana malee Waandhi biraa ka akkanatti nama hambisu hin jiru; kanaafuu banii biyya maraa keessa jiraatanii fi worra afaan gara garaa dubbatan keessatti namni Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo arrabsu akka nafti isaa cicciramee gatamuu fi akka manni isaallee diiggamee tuulaa kosi'ii ta'u labsa» jedhe.

30Mootichi haga waan kana labseen maayessa Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo bulchiinsa Baabilooniititti kabajjee isaan muude.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help