1Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjannaan, Rabbi woggaa torbaaf dabarsee harka worra Miidiyaamii jala isaan galche;
2Worri Miidiyaamii guddisanii ijoollee Israa'elii miidhan; Sababa worri Miidiyaamii isaan miidhaniif gaara gubba'atti boollaa fi goda midhaaffatan.
3Waan hennaan worri Israa'elii midhaan facaafatan gayeef, worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii ka gara mirgaa jiraatan dhufanii,
4Isaan irratti quphatanii haga Gaaza'aatitti midhaan, horii, hoolota, sangoota, harriinii fi horii isaanii maraa jalaa balleessan.
5Worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii daase'ee fi horii isaanii fudhatanii akka gurmuu Awwaannisaatitti isaanitti duuda'aa turan; laakkobsi isaaniitii fi ka gaala isaanii bikka hin qabu; kunniin maruu lafa isaanii jalaa balleessu'uuf dhaqa'aa turan.
6Worri Miidiyaamii waan ijoollee Israa'elii guddisanii miidhaniif ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan.
7Hennaa ijoolleen Israa'elii sababa worra Miidiyaamiitiif gara Rabbii iyyatan,
8Rabbi Waandhi gara ijoollee Israa'elii raagaa erge; innillee akkana jedhe; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ani biyya Misiriitii garbummaa jalaa isin baase.
9Ani biyya Misiriititti harka worra isin dhiibuu jalaa isin baase, isaanillee isin afo'oo ari'ee biyya isaanii isinii kenne.
10Ani Rabbi Waaqa keessan, waaqolee tolfamaa biyya Amoorotaa ka keessa teettanii san hin sodaatinaa'a» jedhe; isin garuu waan ani isiniin jedhe hin dhageenne.
11Kanaan maayessa maleekkaan Rabbii dhufee ganda «Oofraa» jedhamtee waamamtuu dhufee muka qilxu'uu ka Iyyo'aasii nama gosa Abi'eezarii jala taa'e; ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon hulee woyinii itti cuunfan keessatti worra Miidiyaamii jalaa dhokatee qamadii dhayata'aa ture.
12Maleekkaan Rabbii itti mudhatee, «Ati nama jabaa'a! Rabbi si woliin jira» jedheen.
13Geedewoonillee, «Gooftaa kiyya! uduu Rabbi nu woliin jiraatee, maaf wonti akkanaa kun nu irra gaya? Maalaleen abboonni teenna Rabbi biyya Misirii keessaa nu baase jedhanii nutti himan meeti? amma garuu Rabbi nu dhiiseera, dabarsee harka worra Miidiyaamiititti nu kenneera» jedheen.
14Kanaan maayessa Rabbi, «Hunnuma qabdu kanaan deemiitii Israa'eliin harka worra Miidiyaamii jalaa baasi, ani si ergeeraa» jedheen.
15Geedewoon garuu, «Gooftaan kiyya, ani Israa'eliin worra Miidiyaamii harkaa attamiin oolcha ree? Gofti kiyya gosa Minaase'ee keessaa gosa diqqa'a, anillee mana abbaa kiyyaa keessatti maraayyuu maandha'a.» jedhee deebiseef.
16Rabbi, «Ani si woliin jiraa waan ani si gargaaruuf worra Miidiyaamii akka namni tokko nama tokko dhawutti dhoofta» jedheen.
17Geedewoon Rabbiin, «Yoo ani si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe, ka natti dubbata'aaru kun si ta'uu akka beeku malkata natti mudhisi;
18haga ani kennaa midhaanii sii dhiyeessutti yabo'oo asii hin socho'in» jedheen;
Rabbillee, «Haga ati deebitutti si eega» jedheen.
19Geedewoon gara manaa galee korbeessa re'e'ee qalee, daakuu iifii kudhanii fuudhee xoroshoo raacitii hin qabne, foon koobo'otti, bisaan foonii xuwwe'etti buusee kanniin maraa qabatee muka qilxu'uu jalatti maleekkaa Rabbiitii dhiyeesse.
20Maleekkaan Rabbii, «Foonii fi xoroshoo kana fuudhiitii dhagaa kana irra kaayiitii bisaan foonii kana garuu fuudhii isa irratti jissi» jedheen; innillee akkasuma godhe.
21Maleekkaan Rabbii sunillee ulee harkaa qabuun hiixatee qaccee ule'eetiin foonii fi xoroshoo tuqe; hennama san dhagaa keessaa ibiddi bayee foonii fi xoroshoo sanniin nyaate; achiin maayessa maleekkaan Rabbii sun isa afo'oo dhokate.
22Geedewoonillee hennaa san akka inni maleekkaa Rabbii ta'e hubatee, «Rabbii guddaa'a! ani maleekkaa kee argeeraa na hobbaasi!» jedhe.
23Rabbi garuu, «Nageenni siif haa ta'u; hin sodaatin hin duutuu» jedheen.
24Geedewoon achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Rabbi Waaqa nagayaati» jedhee moggaase; huleen ciinca'aa sun haga adhaallee lafa worra Abi'eezarii hulee oofraa jedhamtu san jira.
25Rabbi galgaluma san Geedewooniin, «Sangaa abbeetii ka woggaa torbaatii fi sangaa biraallee fuudhii hulee ciinca'aa ka abbaan kee ba'aaliif ijaare diigi; waaqa tolfamaa isa bira jirtu ta ‹Asheeraa› jedhamtee waamamtu ta fakii intalaallee diigii balleessi.
26Hulema sanitti Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa midhaassii hojjadhu; achiin maayessa sangaa lammeesso'oo fuudhiitii fakii caccabsite sanniiniin ibidda qabsiisii korma san achi irratti ciincaa aaru godhii dhiyeessi» jedheen.
27Geedewoon garboota keessaa namoota kudhanii fuudhee akkuma Rabbi jedheen godhe; waan kana namoota qachaa san keessa jiraatanii fi gosa abbaa ufii waan sodaateef guyyaa sodaatee halkan hojjate.
28Worri qachaa sanii ganama yoo ka'an ba'aal waandhi tolfamaan diiggamee, fakiin intalattii Asheeraa ka naannaya hulee arsa'aatitti hojjatamee ture ka diiggameeru arganii,
29«Waan kana maaltu akkana godhe?» woliin jedha'aa yoo wol gaafatan, ka kana godhe ilma Iyyoo'aasii Geedewoon jedhan.
30Worri qachattii sanii Iyyoo'aasiin, «Ilmi kee hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee fakii Asheera'aallee diigee waan caccabseeruuf ilmi kee haa du'uu gad baasi!» jedhaniin.
31Abbaan Geedewooniillee deebisee, «Ba'aalii isintu mormaa? mo'o isintu isa hambisa? namni isaa mormu maruu boru ganama haa ajjeeffamuu; ba'aal garuu yoo Rabbiin ta'e, nama hulee ciincaa isaa diige woliin haa falmatuu!» jedhe.
32Kanaafuu gaafuma san «Hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee isa woliin haa falmatuu» jedhee Geedewooniin Yiruba'aal jedhee itti moggaase.
33Achiin maayessa worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni baya biiftu'uu jiran wol gayanii laga Yoordaanosii ceeyanii dhooqa Iyiziraa'elii keessatti quphatan.
34Hafuurri Rabbii Geedewooniin keessa seennaan inni xurumbaa afuufee, namoota Abi'eezarii waame; isaanillee isa faanaa deeman.
35Gara gosa Minaase'ee maraa dhaamsa ergee isaanillee wol waaman, gara gosa Aseeriitii fi gara worra Zaabiloonii, gara gosa Niftaalemii dhaamsa erge; isaanillee yaa'anii gara isaa dhufan.
36Kanaan maayessa Geedewoon Rabbiin, «Yoo ati ijoollee Israa'elii karaa kiyyaan isaan hambisu'uuf taate,
37kunoo ani rifeensa hoola'aa obdii keessa kaayaa, yoo lafti gogaa ta'ee rifeensa hoola'aa caallaa irratti fixeensi bu'e, akka ati ijoollee Israa'elii naan oolchitu hin hubadha» jedhe.
38Wonti sunillee akkuma inni jedhe ta'e; innillee ganama ka'ee rifeensa hoola'aa irraa fixeensa itti bu'e cuunfee waan bisaan itti woraaban tokko guute.
39Geedewoon ammallee Rabbiin «Ani waa si gaafadhaa naan hin lolin; yabo'ootii ammallee qoree laalaa rifeensi gogaa ta'ee lafti martuu fixeensaan haa jiituu; kun akka malkata naa ta'u» jedheen.
40Halkan san Rabbi akkuma inni jedhe lafa maraa fixeensaan jiisee rifeensi callaan gogaa ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.