Kitaaba Faaru'uu 120 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Worra Soban Jalaa Oolu'uuf KadhatanFaaruu moote'ee;

1Hennaa rakkadhe gara Rabbii iyyadhe;

innillee naa dhagaye.

2Yaa Rabbi! lubbuu tiyya arraba hamaa,

afaan kiyya soba jalaa na baasi.

3Isin worri nama sobdan!

Rabbi uduu maal isin godhee woyya?

uduu attamitti isin adabee woyya?

4Buundhee woraanaa ka qarame;

barbadaa cilee ajo'ootiin si adaba.

5Ani Meesheekiin keessa waan jiraadhuuf;

banii biyya Qeedaarii keessa galtuu ta'ee waan jiraata'aaruuf,

na hobbaasi!

6Banii nagaya jibban woliin

lubbuun tiyya guddiftee hennaa dheeraa jiraatte.

7Ani nama nagaya barbaadu;

hennaa ani waan nagayaa isaanitti dubbadhe

isaan ammo duwwamatti natti ka'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help