Kitaaba Izra'aa 1 - Kitaaba Woyyuu

Qiroos Akka Worri Ayihuudi'ii Gara Biyya Ufii Deebi'an Eeyyame

1Qiroos mooyee bara jalqabaatitti dubbiin Rabbii ka afaan Ermiyaasii raattichaan dubbatame akka raawwatamuuf Rabbi mootii Faarisii Qiroosiin kaase; inni biyya ufii bulchu marattuu labsii labsisiise; barreeffamaanillee akkana jedhe. Erm. 25:11; 29:10

2Mootiin Faarisii Qiroos akkana jedha «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera. Isa. 44:28

3Isin keessaa worri banii Rabbii taatan eennuunillee yoo ta'e Waandhi isa woliin haa jiraatu; namni sun gara Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu dhaqee Waaqa Yerusaalemiin keessa jiraatuuf mana haa ijaaruu;

4Namoonni du'a irraa hafan kunniin hennaa deebi'an namoonni naannoo isaaniititti isaan woliin jiraatan maruu birrii, worqii, meesha'aa fi horii fe'a'aatiinillee isaan haa gargaaranii; kun kennaa addaa ka fedha ufiitiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu kennan haa ta'uu.»

5Achiin maayessa bulchoonni manniin abboota Yihuuda'aatii fi ka Biiniyaamii, gadoonni, worri Leewwotaa, mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaru'uuf akka bayan worri Rabbi onnee isaanii kakkaase maruu ka'an.

6Worri naannoo isaanii jiraatan maruu waan fedha ufiitiin dhiyeessan maraa keessaa kennaa biraallee meeshaa birri'iitii fi meeshaa worqi'ii, birrii isaaniitii fi horii isaaniitiin, kennaa biraatiinillee isaan gargaaran.

7Mootiin Qiroos meeshaa mana Rabbii ka Nabukadanatsoor mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru keessaa fudhatee mana Waaqa tolfamaa ufii keessa kaaye maraa hin baase.

8Motiin Faarisii Qiroos meeshaa mana qulqulluu keessa jiru sanniin bulchaa meeshaa mana mootumma'aa ka Mitiridaaxuu jedhamuun laakkobsisee Sheshabazaarii mootii biyya Yihuuda'aatitti kenne.

9Laakkobsi meesha'aallee; gabateen keennaa itti dhiyeessan ka worqii irraa hojjataman soddoma, gabateen kennaa itti dhiyeessan ka birrii irraa hojjataman kuma tokko, billoofni diddamii sagal, qoriin dhaga'aa ka

10worqii irraa hojjataman soddoma, qoriin gara garaa dhibba afurii fi kudhan, meeshaan biraallee kuma tokkotu jira.

11Meeshaan worqi'iitii fi ka birri'ii wolumatti qabaa kuma shanii fi dhibba afur. Meeshaa kanniin maraa Sheshbazaar booji'amtoota biyya Baabilooniitii gara Yerusaalemii dhufan woliin fudhate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help