Kitaaba Iyyaasu'uu 17 - Kitaaba Woyyuu

Gosa Minaase'ee Ka Gara Laga Yoordaanosiitiin Cinaa Dhiyaatitti Quphatan

1Hixaan gosa Minaase'ee kana; waan ilmi hangafaa ka Yooseefii isa ta'eef ilmi Minaase'ee ka hangafaa abbaan Gala'aadii Maakiri loltuu jabaa waan ta'eef biyya Gala'adiitii fi biyya Baasaanii fudhate.

2Hixaan hafe ijoollee Minaase'eetiif akka worra isaaniitiin, ijoollee Abi'eezeriitii, ijoollee Keleegiitii, ijoollee Asri'eeliitii, ijoollee Seekeemiitii, ijoollee Oofeeriitii, ijoollee Shamida'aatiifillee hin kenname; ijoolleen dhiiraa ta Minaasee ilma Yooseefii akkaataa gosa isaaniitiin kanniin.

3Ilma Minaase'ee, ilma Maakirii, ilma Gala'aadiitii fi ilma Oofeeriiti. Salapha'aad garuu ijoollee intalaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu. Maqaan ijoollee isaa Maahilaa, Nu'aa, Eeglaa, Milka'aa fi Tirsa'a.

4Isaan gara gadicha Alaazariitii fi gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu gara bulchootaallee dhufanii, «Rabbi obboleewwan teenna jiddu'utti lafa akka nuu kennu Muusee ajajeera» jedhan.Wodhakkaan Gosa Minaase'eetii Fi Gosa Efreemii Lafa Eda'atu'uuf Gaafatan

14Ijoolleen Yooseefii Iyyaasu'uun, «Ani waan banii guddaa ta'eef, Rabbi guddisee waan na eebbiseef maaf lafa diqqoo naa kutte?» jedhaniin.

15Iyyaasuunillee, «Ati yoo banii hedduu taatee biyyi Efreemii ka gaaraa sitti dhiphate, gara lafa mukaa worra Feerzotaatii fi lafa worra Raaffaayii dhaqa'aa ciradha'aa baafadhaa'a» isaaniin jedhe.

16Ijoolleen Yooseefii garuu, «Biyyi gaaraa nu hin gawu; worri lafa dhooqaa keessa jiraatan, worri lafa dhooqaa ka gandoota Iiyiziraa'elii keessa jiraatan, Worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qaban» jedhaniin.

17Iyyaasuun worra Yooseefii, Efreemii fi Minaase'een, «Ati banii gudda'a; hunna jabaa qabda; qoonni tokko callaan si hin geettu,

18Biyyi gaaraallee kee ta'a; yoo araddaallee ta'e cirtee kee godhatta; worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qabaatanii yoo jabaatanillee isaan ariita» isaaniin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help