1Waandhana! naa murteessi;
banii sitti hin amanne afo'otti naa falmi;
worra sobuu fi hammeeyyii jalaa na baasi.
2Waandhana! Ati hunna kiyya waan taateef
maaf na dhiifte?
uduu diinni na rakkisu maaf gadda keessa jiraadha?
3Ati dhuga'aa fi ifa kee naa ergi;
isaan na firrisanii gara gaara woyyuu keetii
gara mana woyyuu ati irra jiraattuu na haa fidanii.
4Waandhana! kanaan maayessa hulee ciinca'aa kee dhaqee
si'ii na gammachiiftuu sagada;
Ati Waaqa kiyya;
kiraara sagalee guddaa dhageessisuun si galatoonfadha.
5Lubbuu tiyya; maaf gaddita?
maaf na keessatti raafamta?
Waaqa qorsa kiyya ganaa waan galatoonfadhuuf
abdii kee Waaqa irra godhadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.