1Akkuma baradaan hennaa bonaa;
akkuma roobni hennaa haama'aa hin barbaachifne;
akkasuma gowwa'aaf ulfinni hin barbaachisu.
2Abaarsi akkanumaan nama abaaran;
akkuma simbira asii fi achi barartuuti malee
nama tokkollee hin miidhu.
3Akkuma shabbeenni fardaaf;
akkuchaan harre'eef barbaachisu;
uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachisa.
4Gowwa'aa akka gowwummaa isaatitti hin deebisiniif;
yookaan atillee akkuma isaa taataa.
5Gowwaan akka ogeessa uf hin seene
akkuma gowwummaa isaatitti deebisiif.
6Gowwa'aan ergaa erguun
akka waan luka ufii muru'uu yookaan
rakkinna ufitti fidu'uuti.
7Mammaanni gowwaan mammaaku
akka luka naafatee rarra'uuti.
8Gowwa'aa ulfinna kennuun
akka dhagaa furaanfurrisatti hidhu'uuti.
9Mammaanni wollaalaan mammaaku
akka qoree harka machaaya'aa jirtuuti.
10Namni nama gowwaa yookaan nama karaa deemu qaxaru;
akka nama arfii ebo'oo akkuma arge darbatee
woma arge madeessuuti.
11Akkuma sareen diddiga ufiititti deebitu;
gowwaan gowwummaa ufii irra deddeebi'a.
12Nama akka ogeessaatitti uf laalu argiteertaa?
gowwaan isa caalaa abdii qaba.
13Amshaaggaan, «leenci karaa irra jira;
leenci sodaachisu karaa irra deema'aara» jedha.
14Akkuma cufanaan qasatoo irra naannayu;
akkasuma amshaaggaanillee siree ufii irra gara gaggala.
15Amshaaggaan harka ufii qorii keessa kaaya;
garuu garuma afaaniituu fiduu hin dadhaba.
16Amshaaggaan namoota torbaa
ka hubanna'aan deebii deebisan caalaa ogeessa uf seeya.
17Kara deemtuun lola nama biraa keessa seenu
akka nama gurra sare'ee qabeeti.
18Akkuma maraataan arraba ibiddaatii fi
arfii ebo'oo namaan darbatu;
19Namni nama gowwoomsee,
«Lakki ani hin taphadhee» jedhullee akkasuma.
20Yoo qoraan hin jirre ibiddi hin dhaama;
hulee namni kijibu hin jirretti lolli hin dhaabata.
21Akkuma cileen barbadaa;
akkuma qoraaniillee ibidda qabsiisu
akkasuma namni dubbii tuttuqu lola guddisa.
22Dubbiin hamattichaa akka nyaata mi'aayuuti;
garaa namaa keessa seenee
gara madhumaaniillee gad bu'a.
23Namni hammeenna gara'atti qabatee afaaniin dubbii mishaa qaaqu;
akka meeshaa faaraa ka meeti'iin uwwisaniiti.
24Dhartichi afaaniin soba;
gara'atti garuu hamtuu yaada.
25Dubbiin isaa yoo sitti tolellee isa hin amanin;
battummaa torbatu garaa isaa guuteeraa.
26Dharti isaa soba isaatiin dhokachuu danda'a;
hammeenni isaa garuu gumii keessatti mudhata.
27Ka boolla qotu ufumaa itti kufa;
ka dhagaa gangalchu isumatti gara gala.
28Arrabni kijibu kama ufii miidhe jibba;
afaan sobullee badii fida.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.