1Banii Israa'elii! Rabbi namoota biyya kana keessa jiraatan maraa waan ajiifatu qaba; kanaafuu waan inni siin jedhu maraa dhagayi; «Biyyattii keessa amanamummaan, jaalalaa fi Rabbiin beekuun badeera.
2Isaan waadaa kaku'uun galan diiganii soban, hin ajjeesan, hin hatan, hin seebaran, miidhaanii fi ajjeechaan baay'ateera.
3Sababaa kanaaf biyyatti'itti rakkoo caamaatitu dhufa; worri isii keessa jiraatan maruu hin dadhaban; horiin, simbirranii fi qurxummiin galaana keessaa maruu hin dhuman.
Rabbi Gadoota Ajiifate4Rabbi akkana jedha, «Gadoota ani isin ajiifadha malee ka banii himatu yookaan ajiifatu hin jiraatin.
5Isin gadoota nana! ifa guyya'aatiin bararraaxxan; raattonnillee halkan isin woliin dukkana keessa bararraaqan; kanaafuu ani biyya haadha teessanii hin balleessa.
6Baniin kiyya sababaa kolbatti na beekuu dhabeef badeera; isin waan na beekuu hin barbaanneef akka gadoota tiyya taatanii na tajaajiltan hin barbaadu; isin waan seera kiyya tuffattanii irraafattaniif ijoolleen teessanillee hin irraanfataman.
7«Isin gadoota, akkuma baay'inni keessan eda'a'aa deemuun yakki keessanillee afoo kiyyatti baay'ata'aa deemeera; kanaafuu ani ulfinna keessan isin irraa mulqee isin salphisa.
8Cubbuun banii kiyyaa karaa isin ittiin duroomtan waan ta'eef baniin akka guddisanii cubbuu hojjatan barbaaddan.
9Isin gadoonni akkuma bani'ii taataniirtan; kanaafuu adabbiin banii irra gayu isin irrallee hin gaya; gatii hujii hammeenna keessaniillee hin kaffaltan.
10Baniin kiyya ana Rabbiin waan dhiisaniif hin nyaatan garuu hin quufan; hulee worri Yihuudii hin taane irratti sagadan irratti seebaran; garuu ijoollee hin uumatan» jedha.
Rabbi Waaqeffannaa Ormaa Morme11Rabbi akkana jedha, «Hujiin seebaru'uu daadhii woyini'ii ka turee fi haarawa obaasa'aa sammuu banii kiyyaa balleessaniiran.
12Kanaafuu waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame gorsa gaafatan, uleen isaan moraniin gaafii isaaniitiif waan deebii isaanii deebisu seeyan; isaan hafuura seebaraatiin masakkamanii Rabbiin irraa fagaataniiran.
13Isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessan; tulloota irrattillee kennaa dhiyeessan; isaan waan kana qilxuu mishaa gudda'aa fi ka haafni isaa babadhatee gaaddisa qabu, muka balasii jedhamuu fi hindheessa jalatti dhiyeessan; sababaa kanaaf ijoolleen durbaa teessan seebartoota ta'an; haawwonni manaa ilmaan teessaniillee hin seebaran.
14Ta'ullee ijoolleen durbaa teessanii fi haawwonni manaa ilmaan teessanii waan seebaraniif hin adabu; sababaan adabuu dhabuuf isin worri dhiiraa dubartoota mana woyyuu keessatti seebaran duukaa bu'a'aa isaan woliin waaqeffannaa ormaa raawwattan; kanaafuu baniin hubannaa hin qabne hin bada.
15Banii Israa'elii! isin yoo seebartanillee banii Yihuuda'aa yakkamtoota hin taasisinaa'a; gara Gelgela'aa yookaan gara Beeti'aweenii hin dhaqinaa'a; ‹Rabbii jiraataa'a› jedha'aa hin kakatinaa'a.
16Baniin Israa'elii akka raada dhibduu dhibaa ta'aniiran; eeganaa Rabbi isaan akka korbeeyyii hoolotaa attamitti hulee misha'atti isaan bobbaasa?
17Baniin Israa'elii waaqeffannaa waaqolee tolfama'aatiin waan wolitti hidhamaniif isaan dhiisaa'a; waan barbaadan haa godhanii.
18Haga daadhii woyini'ii guddisanii dhuganiin maayessa hujii ufii ka seebaraatitti ka'an; bulchoonni isaanii guddisanii waan nama saalfachiisu hojjachuu jaalatan.
19Isaan haguma qilleensi fuudhee isaaniin deemuutitti fagaatan; ciincaa waaqa tolfama'aa dhiyeessanittillee hin saalfatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.