Raajii Isaayyaasii 10 - Kitaaba Woyyuu

1Worra seera haqa hin qabne baasan;

worra tumata cunqursaa tumatan

isaan hobbaas!

2Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiiban;

worra haqa banii kiyya ka rakkatee dabsan;

worra haadha hiyyeeyyi'ii saaman;

worra ijoollee maatii hin qabne guuratan;

isaan hobbaasi!

3Guyyaa tooyatamtan maaltu isin liqimsa?

yoo badiin fago'oo dhufe hoo maal taatan?

gargaarsa argachu'uuf hoo gara eennuu dheessitan?

qabeenna keessan hoo eessatti dhoffattan?

4Hidhamtoota woliin taf taf jechuu irra;

worra qalaman woliin gatamu'uu achi

womaa isin hin hafan;

kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaallee akkuma hiixatametti jira.

Mootiin Asoorii Meeshaa Lolaa Ka Rabbiiti

5Ka ulee dheekkamsa kiyyaa ta'e;

Asoorticha bokkuun balaa kiyyaa harka jiru

hobbaasi!

6Akka qabeenna isaanii saamu;

akka boojuu guuratu;

akka dhoqqee karaa irraatitti akka isaan dhiitu;

gara banii Waaqa hin qabnee

ka na aarsuu kanatti isa erga.

7Inni garuu akkana hin yaanne;

garaa isaa keessa kun hin turre;

garuu karoorri isaa balleessu'uuf;

banii hedduu diigu'uuf ture.

8Akkana jedha'aa ture;

«ajajaan woraana kiyyaa maruu moototaamii?

9Kaalnoon akka Karkamishii,

Haamaat akka Arfaadii,

Samaariyaan hoo akka Damaasqo'ootii mitii?

10Mootota waaqolee tolfama'aa;

fakiiwwan isaanii ka harki kiyya qabe

ka mootota Yerusaalemiitii fi Samaari'aa mara caalan;

11Waan Samaariya'aa fi waaqolee tolfamaa isi'ii irratti godhe;

Yerusaalemii fi fakii isi'ii ka bocame maraa irratti hoo

akkasuma hin godhuu?

12Kanaafuu Rabbi Waan Yerusaalemii fi gaara Tsiyoonii irratti raawwata'aaru maraa haga fixeen maayessa akkana jedha waan mootii Asoorii, waan uf jajuu isaatiif waan tuffii isaatiif hin adabaan.

13Mootiin Asoorii waan akkana jedhuuf;

«waan kanniin maraa jabeenna irree kiyyaatiin raawwadhe;

akkasuma ogumma'aan hubataa waan ta'eef;

daangaa moototaa hin diige;

qabeenna isaanii hin saame;

mootota isaanii jannummaa kiyyaan salphise.

14Akkuma namni harka ufii gara maandhee simbiraa hiixatu;

anillee akkasuma harka kiyya gara qabeenna moototaa hiixadhe;

akkuma namoonni killee haati irraa kaate wolitti qabu;

anillee akkasuma ardii maraa wolitti qaba;

ka koola ufii sosochoofate hin jiru;

ka afaan banatee iyyellee hin jiru.

15Qottoon nama woyiin murutti boonuu danda'aa?

magaaziin hoo nama isa harkisutti uf jajaa?

kun akkuma uleen nama isii ol fuudhu mirmirsituuti;

uleen ufitti nama irratti hunna hin qabu.

16Kanaafuu Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa;

loltoota fufurdatanitti dhibee isaan huqqisu isaanitti erga.

ibidda bobayu ka ulfinna isaatii gaditti mallisu

qabsiisa.

17Rabbi ifni Israa'elii ibidda;

woyyichi Israa'elii arraba ibiddaa ta'a;

guyyama tokkotti

qore'ee fi sokorruu ibiddi nyaata.

18Akkuma dhibeen huqqisee nama ajjeesu;

ulfinna bosonaatii fi qonna lalisaa'a;

hin balleessa.

19Mukkiin bosona keessatti hafan guddisanii hago'o;

daa'imnillee laakkayee galmeessuu danda'a.

Gariin Dacha'e

20Hennaa san sanyii Israa'elii keessaa worri hafe;

worri mana Yaaqoobii keessaa oole;

ammaa achi worra Asoorii ka isaan dhaye hin amanan;

bikka san Rabbii woyyuu Israa'eliititti dhugamaan amanan.

21Worri hafan hin deebi'an;

worri mana Yaaqoobii ka hafe

gara Waaqa jaba'aa deebi'an.

22Israa'elii! yoo baniin kee akka xidhacha galaanaa ta'ellee;

worruma hafe calla'atu deebi'a;

balleessaa bani'iitiif murtiin dhuga'aa qophaayeera.

23Gooftaa! Rabbi Gooftaan banii maraa

badiin inni murteesse maruu

ardii maraa irratti hin dhufa.Rabbi Asooriin Hin Adaba

24Kanaafuu Gooftaan; Rabbi Gooftaa banii maraa akkana jedha;

«Banii kiyya ka Tsiyooniin keessa jiraattan;

akkuma worri Misirii maruu ulee sitti ol fudhatan;

worra shimalaan si tuman;

Asooroota hin sodaatin.

25Adabbii sitti fide hennaa diqqoo keessatti dhaaba;

isaanitti balaa kiyya fida.»

26Akkuma Rabbi Gooftaan banii maraa Miidiyaamiin

dhagaa Heereebii laddatti dhaye,

qacce'een isin tuma;

akkuma biyya Misirii maraa irratti godhe;

ulee ufii galaana irratti ol fudhata.

27Guyyaa san ba'aan isaanii gurmuu kee irraa;

qambarri isaaniillee lum'a kee irraa ka'a;

sababaa furdinna keetiitiif qambarri hin caba.

Balaa Diintonni Buusan

28Gara Ayaatii galan;

karaa Miigirooniitiin lufan;

meeshaa ufii Maakimaasitti tuulan.

29Karaa ceeyaniin lufanii akkana jedhan

«Geebaa'itti quphannee bulla»

Raamaan hin naate;

qachaan Saa'olii Gibi'aan hin dheessite.

30Yaa intala Gaaliimii iyyi!

yaa Laayishaa'a! caqasi!

yaa Anaatootii hiyyeettii'i! mee isi'ii deebisi!

31Madimeenaahi dheessa'aa jirti;

baniin Geebiimii dhokachu'uuf fiiga.

32Adhuma Noobiin gayan;

harka ufii tulluuwwan Yerusaalemii;

gaara intala Tsiyoonii dhaadu'uun sosochoosan.

33Kunoo Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa;

hunna jaba'aan dameewwan mummura;

mukkiin dhedheeraan hin jigan;

gugurdaanillee hin kufan.

34Bosona dukkanaayaa dhagara'aan mummura;

Libaanosillee jabaa afo'otti kufa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help