Kitaaba Faaru'uu 128 - Kitaaba Woyyuu

Eebba Rabbii Ajajamu'uun ArgamuFaaruu moote'ee;

1Worri Rabbiin sodaatan maruu,

worri ajaja isaatiin jiraatan worra eebbaati.

2Waan hojjattee itti dadhabdee argatte nyaatta;

gammachu'uu fi durummaallee hin argatta.

3Haati manaa tee mana kee keessatti akka woyinii daraaruuti;

ijoolleen tee naannaya nyaata keetiititti

akka biqiltuu muka ejersaati.

4Namni Rabbiin sodaatu

kunoo akkanatti eebbifama.

5Rabbi Tsiyooniin irraa si haa eebbisu!

bara jireenna keetii maraa

durummaa Yerusaalemii hin argita.

6Ijoollee ijoollee teetii argu'uun si haa gawu!

nageenni worra Israa'elii irra haa taa'u!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help