Raajii Zakkaariyaasii 2 - Kitaaba Woyyuu

Mudhata Zakkaariyaas Raattichi Waan Haada Waa Bikkaniinii Arge

1Mudhata biraa ka nama haada waa bikkaniin harkatti qabateeru arge.

2Ani «garam deema'aarta?» jedhee isa gaafadhe; innillee «dheerinna Yerusaalemiitii fi badhinni isi'ii hagam haga gawu bikku'uuf deema'aara» naan jedhe.

3Achiin maayessa ani maleekkaa na woliin qaaqa'aa ture uduu inni gara afo'oo deemu maleekkaan biraa ka isaan wol gawu arge.

4Maleekkaan duraa ka lammeesso'ootiin akkana jedhe, «gara ka'imticha haada waa bikkaniin harkatti qabateeruu fiigii ‹Yerusaalemiin keessatti waan baniin hedduutii fi busaawaan hedduu argamuuf dalloofni dhaga'aa kanniin maraa wolitti qabchuu hin danda'u› jedhii itti himi.»

5Rabbi akka qachattii naannaya isi'ii akka dallawa ibiddaa ta'ee akka isii eeguu fi ulfinna ufiitiin akka achi jiraatu abdii kenneera.»

Waamsa Worri Baqatan Akka Gara Biyya Ufii Deebi'an Himame

6Rabbi akkana jedha, «Ani gara kallattii arfanittuu isin facaasee ture; amma garuu isin biyya gara kaabaatii ka'a'aatii dheessaa'a.

7Isin worri baqattanii Baabilooniin keessa jiraattan gara Yerusaalemii deebi'aa'a»

8Namni isin tuqe akka nama ija isaa tuqeetitti laallama; dubbiin hennaa Gooftaan ulfinnaa banii isin saametti na erge dubbate kanniin.

9Ani amma harka kiyya isaanitti hiixadha; isaan worra isaan booji'anii bulcha'aa turanii garboota ta'an; achiin maayessa isin akka Waandhi banii maraa na erge beettan.

10«Banii Yerusaalemii ani waan dhufee isin keessa jiraadhuuf! faarfadhaa'a! gammada'alle'e! jedha» Rabbi.

11Hennaa san gofti worra Yihuudota hin taanee heddu Rabbiin wolii galanii ka isaa ta'an; inni isaan keessa jiraata; isin ka ana erge akka isa ta'e hubattan.

12Inni biyya woyyoomte keessatti Yihuudaa ristii ufii taasifata; Yerusaalemiinillee deebi'ee filata.

13Rabbi hulee jireennaa woyyuu ufiitii dhufu'uuf waan ka'eef isin maruu isa afo'otti cadhisaa'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help