1Kanaan maayessa gofti Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhufanii, «Nu'u foon tokkoo fi lafee tokko.
2Durumaanuu Saa'ol nu irratti mootii ta'ee uduu jiru Israa'eliin situ baasee galcha'aa ture; Rabbillee «Ati banii kiyya Israa'eliin hin eedda; Israa'eliin irrattillee bulchaa taata siin jedhee ture» jedhaniin.
3Jaarsonni Israa'elii maruu gara Keebroonii gara mooti'ii dhufan; mootichi Daawiti Keebroonitti afoo Rabbiititti isaan woliin waadaa gale; Israa'eliin irratti mootii akka ta'u Daawitiin muudan.
4Daawiti hennaa mooyuu jalqabu ka'ima woggaa soddomaa ture; inni woggaa afurtama mooye.
5Hennaa Keebrooniin ture woggaa torbaa fi ji'a jahaa Yihuudaa irratti mooye; Yerusaalemittillee Yihuuda'aa fi Israa'elii maraa irratti woggaa soddomii sadihii mooye.
Daawiti Yerusaalemiin Mooyate6Mootichinii fi namoonni namoota Iyyaabusii woliin wol lolu'uuf gara Yerusaalemii duulan; isaanillee Daawiti garas waan hin dhandhe itti fakkaatee, worri achi jiraatan Daawitiin, «Ati garana seenuu hin dandeettu; worri ijaan hin arginee fi worri hokkoluu uf irraa si deebisan» jedhaniin.
7Garuu Daawiti kushee isaan Tsiyoonitti hojjatan hin qabate; isiinillee «Qachaa Daawitii» jedhamtee waamamte.
8Guyyaa san Daawiti Iyyaabusoota ka dhayu karaa deemsa bisaaniitiin haa bayuu; ka lubbuun Daawitii jibbitu worra ijaan hin arginee fi worra hokkolu haa baasuu» jedhe; worri ijaan hin arginee fi worri hokkoluu gara manaa akka hin seene jedhame.
9Daawitillee kushee san haga qabateen maayessa achuma jiraate; bakka sanillee «Qachaa Daawitii» jedhee maqaa itti baase; Daawitillee naannaya isi'ii Miilooniin irraa jalqabee gara keessaa hojjate.
10Waan Rabbi Waandhi banii maraa isa woliin tureef Daawiti jabaata'aa deeme.
11Mootiin Xiiroosii Kiraam hojjattoota, muka birbirsaa, ogeeyyii mukaa, worra dhaga'aan mana ijaaran ergee Daawitiif mana ijaaran.
12Daawitillee akka Rabbi Israa'eliin irratti mootii godhee isa jabeessee fi banii ufiitiif jedhee mootummaa isaa akka ol guddise beeke.
13Daawiti Keebroonii haga dhufeen maayessa haawwota manaa ufiitii fi mata galtoota Yerusaalemii fidate; Daawitii ijoolleen dhiiraatii fi ijoolleen intalaa baay'een dhalataniif.
14Ijoolleen Yerusaalemitti dhalataniif maqaan isaanii; Saamus,
15Soobaab, Naataan, Solomoon, Yaabeehoor, Eelisuwaa,
16Naafeeq, Yaafiyaa, Elsaamaa, Eldaahe'ee fi Elifaalaatiin fa'a.
Daawiti Yerusaalemiin Mooyate17Filisxeemonni akka Daawiti Israa'eliin irratti mootii ta'ee muudame dhagayanii worri Filisxeemii maruu Daawitiin soqu'uuf bayan; Daawitillee hennaa dhagaye gara hulee itti dhokateeruu bu'e.
18Filisxeemonni dhufanii dhooqa Raaffaayimiititti faca'anii quphatan.
19Daawitillee, «Gara worra Filisxeemii bawuu? dabarsitee harka kiyya jala naa oolchitaa?» jedhee Rabbiin gaafate; Rabbillee Daawitiin, «Ani dhugamaan worra Filisxeemii dabarsee si jala oolchaa bayi» jedheen.
20Daawitillee gara Ba'aalparaasimii dhufe; achumatti dhayee «Akkuma lolaan bisaanii diigee seenutti Rabbi diintota kiyya diige» jedhe; kanaaf maqaa hulee sanii, «Ba'aalparaasim» jedhee itti baase.
21Waaqolee isaanii achitti dhiisan; Daawitii fi namoonni isaa hin fudhatan.
22Worri Filisxeemii ammallee deebi'anii dhufan; dhooqa Raaffaayimiititti faca'anii quphatan.
23Daawitillee Rabbiin gaafate; innillee, «Duuba isaanii naannayii odaa afoo taa'i malee hin bayin» jedheen.
24Haafa oda'aa irratti laagaa dhuka'a rasaasaa yoo dhageette hennaa san Rabbi loltoota Filisxeemii dhawu'uuf afoo keetitti bayeera ta'aa hennaa san ariifadhu» jedheen.
25Daawitillee akkuma Rabbi ajajeen godhe; worra Filisxeemii Gabaa'oonii haga Geezirii dhaye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.