Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 19 - Kitaaba Woyyuu

Yesuus Abbaan Manaatii Fi Haati Manaa Akka Wol Hin Hiinne Barsiise(Mar. 10:1-12)

1Yesuus haga waan kana raawwateen maayessa Galiilaa deemee, gara godina Yihuuda'aa Yoordaanosiin gama dhaqe.

2Gumiin hedduu isa faana deeman; Innillee achumatti isaan fayyise.

3Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haa ta'uu haadha manaa ufii gad dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan.

4Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.»

5« ‹Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa; haadha manaa ufiitiin wol ta'a; lamaanuu foon tokko ta'an› ka jedhu hin dubbifnee?

6Maarre isaan ammaa achi foon tokko malee, lamaa miti. Kanaaf waan Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin.» jedhe.

7Isaanillee, «Eegasuu Muuseen, ‹abbaan manaa woraqata hiikka'aa kenneefii akka isii hiiku› maaf ajaje ree?» jedhaniin.

8Yesuus deebisee, «Sababa mata jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, dur akkasii miti» jedheen.

9.»

10Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkana ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin.

11Qor. 1ffaa 7:7,17 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.»

12Qor. 1ffaa 7:32-35 «Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf taasisanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe.

13Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka Waaqa kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammo daa'imman teedeffatan.

14Yesuus ammo, «Jeennanni sami'ii ta worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe.

15Inni harka ufiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.

16Achiin maayessa namni tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! jireenna bara baraa argachuuf wonti mishaan ani godhuu na barbaachisu maali'i?» jedheen.

Gaafii Dargaggeessa Dureessaa(Mar. 10:17-31; Luq. 18:18-30)

17 Luq. 10:26-28; Gal. 3:12,21 Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; yoo jireenna sanitti galuu feete ammo ajaja eegi» jedheen.

18Ser. Uma. 20:13-16; Kes. Deb. 5:17-19 Dargaggeessillee, «Ajaja kamiin?» jedheen. Yesuus deebisee, « ‹Hin ajjeesin; hin seebarin; hin hatin; sobaan ragaa hin bayin;

19Ser. Uma. 20:12; Ser. Lew. 19:18; Kes. Deb. 5:16 Abbaa fi haadha tee kabajji; goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu sanniin fa'a» jedheen.

20Dargageessillee deebisee, «Ani seerran kanniin maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera; amma ammo maaltu na irraa dhidhata? jedheen.

216:20; Luq. 12:33; Hu. Er. 2:45; 4:34 Yesuus deebisee, yoo guutuu ta'uu feete deemii waan qabdu maraa gurgurii meetii hiyyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi» jedheen.

22 Far. 62:10 Dargaggeessi sun hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna hedduu waan qabuuf gadda'aa deeme.

23Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a.

24Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe.

25Darasoonni isaa hennaa waan kana dhagayan guddisanii maalalanii, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan.

26 Ser. Uma. 18:14; Iyyo. 42:2; Luq. 1:37 Yesuusillee gara isaanii laalee, «Wonti kun namaaf hin danda'amu; Rabbiif ammo maruu hin danda'ama» isaaniin jedhe.

27 4:20,22 Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra; eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen.

28 25:31; Luq. 22:28-30; Mudh. Yoh. 3:21 Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti hennaa Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra taa'u, isinillee ammo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan.

29Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana, yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan Abbaa, yookaan haadha, yookaan ijoollee, yookaan qonna ufii dhiise maruu dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala.

3020:16; Luq. 13:30 Hedduun isaanii ka duraa duuba; ka maayessaa ammo dura ta'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help