1Samiiwwan ulfinna Rabbii dubbatan;
samiin hujii harka isaa labsa.
2Guyyaan guyyaa itti aanutti dhaamsa hima;
halkan tokko halkan itti aanutti dubbii kana beessisa.
3Dubbatuun hin jiru; jechillee jiru;
laagaan isaanii ka gurraan dhagayamuu miti.
4Garuu dhaamsi isaanii gara adunyaa maraa faca'e
haga daangaa ardii maraa baya;
Rabbi hulee aduun jiraattu samii irra godhe.
5Aduun akka idaayyaa golaa baatuutitti baati;
akka nama fiigee jabaatee
galma gayuutitti gammaddi.
6Baati isaa daangaa sami'iiti;
naannofni isaa haga daangaa biraati;
ka oo'a isaa jalaa dhokatu hin jiru.
Seera Rabbii7Seerri Rabbii guutu'u;
lubbuu deebisee haarawoomsa;
seerri Rabbii amanama'a;
wollaalaa ogeessa taasisa.
8Seerran Rabbii sirri'i;
garaa namaa gammachiisa;
ajanyi Rabbii hin ifa;
ija namaa ibsa.
9Rabbiin sodaatuun qulqullu'u;
baraa haga bara baraa jabaatee jiraata;
murtiin Rabbii maruu dhuga'a;
guutumatti qajeellumma'a.
10Ka worqii caalaa kabajjame;
ka worqii baay'ee qulqullaaye caale;
damma caalaa mi'aaya;
nadhii dammaa caalaa namatti tola.
11Akkasuma tajaajilaan kee isaan gorfama;
isa eegu'uun gatii guddaa argata.
12Balleessaa ufii eentu arga?
Waaqa kiyya cubbuu dhokatte irraa na qulqulleessi.
13Garbicha kee cubbuu ugguu irraa eegi;
akka na irratti hin moone na gargaari;
yoo san mudaa malee jiraadha;
yakka guddaa irraa hin qulqullaaya.
14Yaa Rabbi! irkoon kiyyaa fi
fayyisaan kiyya si'i;
jechi kiyyaa fi yaanni garaa kiyyaa
si afo'otti bareedaa haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.