Kitaaba Faaru'uu 21 - Kitaaba Woyyuu

Galata Hennaa MooyataniiFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate

1Waandhana! mootiin waan hunna isaa kenniteetiif gammadeera;

waan isa mooyachiifteefillee hin usheexxa.

2Fedhii garaa isaa kenniteef;

ati waan inni si kadhate hin dhoogganneen.

3Eebba guddaa qabattee karaa irratti simatteen;

mataa isaatitti gulloo worqi'ii qulqulluu gooteef.

4Jireennaan akka jiraatu si kadhate;

atillee umurii dheeraa baraa haga bara baraa kenniteef.

5Sababaa mooyicha isaa kenniteetiif kabajjaa argate;

galataa fi ulfinna edaateef.

6Eebba bara baraa kenniteef;

atillee isa biratti argamtee isa gammachiifta.

7Mootichi Rabbiin hedata;

jaalalli Rabbii gudda'aa

waan isa woliin jiruuf hin raafamu.

8Harki kee diintota kee maraa hin argate;

harki kee ka mirgaa

worra si jibbuu barbaade maraa hin qaba.

9Ati hennaa mudhattu;

akka ibidda sunsuma keessaa isaan goota;

Rabbi balaa ufiitiin isaan fixa;

Ibiddi mucuq godhee isaan fixa.

10Dhaloota isaanii lafa irraa,

fiixaa isaaniillee fiixaa ilmaan namaa keessaa

footee balleessita.

11Yoo waan hamaa sitti yaadan,

yoo dharallee sitti muran

isaan hin milkaayan.

12Ati eboo isaanitti mirmirfatta;,

gara duubaa deebi'an.

13Yaa Rabbi! jabeenna keetiin uf mudhisi;

hunna kee jaba'aaf si janya;

si faarfanna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help