Kitaaba Iyyaasu'uu 11 - Kitaaba Woyyuu

Iyyaasuun Yoobaabii Fi Worra Yoobaabiin Woliin Lolan Mooyate

1Mootiin Aasoorii Iyyaabiis haga waan kana dhagaye, gara mootii Maadoonii, gara mootii Yoobaabii, gara mootii shimroonii, gara mootii Asifiimii,

2gara mirgaatiin gara biyya gaaraa, gara Keenereetii, gara bita'aatiin Araba, gammoojjii gara cinaa dhiyaatiin, gara worra tulluu Doorii jiranii,

3Gara baya biiftu'uutii fi gara dhiyaatiin jiruu gara Kana'aanotaa, Amoorotaa, Keexotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi gara gadiitiin Eewwota gara Mitsipha'aatitti erge.

4Kunniin maruu loltoota ufii baay'ee guddaa, worra fardaatii fi worra konkolaataa fardaa woliin bayan; laakkobsi banii bayeellee akka xidhacha daangaa galaanaa baay'ata ture.

5Mootonni kunniin maruu wol gayanii Israa'eliin lolu'uuf dhufanii burqaa Maaroon laddatti quphatan.

6Rabbi Iyyaasu'uun, «Boru hennaa akkanaa namoota maraa akka waan du'aniititti dabarsee ijoollee Israa'eliititti waan kennuuf isaan hin sodaatin; moorgaya luka faradoo isaanii hin kutta, konkolaataa isaanii ka fardaallee ibiddaan gubda» jedheen.

7Achiin maayessa Iyyaasuun loltoota isaa maraa woliin gara ladda bisaan Maarooniititti isaanitti dhufee balaa isaanitti buuse.

8Rabbillee harka Israa'eliititti dabarsee isaan kenne; isaanillee isaan dhayanii Siidoonaa gudditti'ii haga Maaseroonii baya biiftu'uutiin jirtu haga gara dhooqa Mitsipha'aa isaan ari'anii eennuunillee uduu hin hambisin isaan fixan.

9Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe, Moorgaya luka faradoo isaanii hin kukkute, konkolaataa isaanii ka fardaa ibiddaan gube.

10Achiin maayessa Iyyaasuun deebi'ee qachaa Aasoorii qabatee mootii isi'ii guraade'een ajjeese; Aasoor asiin dura qachaa guddittii mootota tanaa turte.

11Worra isii keessa jiru maraa tokkollee uduu hin hafin guraade'een fixanii sirima isaan balleessan, waan lubbuu qabu maraa hin hambifne, Aasooriin ibiddaan gube.

12Akkuma garbichi Rabbii Muuseen Iyyaasuu ajaje qachoota mootota kanniinii mara, mootota isaanii maraa qabatee guraade'een isaan dhayee sirima isaan balleesse.

13Israa'el qachoota goodda irra jiran maraa hin gubne; garuu Israa'el Aasooriin callaa gube.

14Ijoolleen Israa'elii horii qachoota kanniin keessa jiru maraa hin booji'an; namoota maraa dhayanii guraade'een fixan; waan lubbuu qabu maraa womaa hin hambifne.

15Akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajaje, Muuseenillee Iyyaasuu ajajetti Iyyaasuunillee akkasuma godhe; waan Rabbi Muusee ajaje maraa keessaa tokkollee hin hambifne.

Biyyoota Iyyaasuun Qabate

16Iyyaasuun lafa san maraa, gaara, biyya Gosoomii, gammoojjii Arabaatii fi gaara Israa'elii ka lafa gammoojji'ii maraa qabatee,

17haga gaara Seeyirii irraa ka'uu gaara Ermooniitii gadii jalqabee haga dhooqa Libaanosiin keessa jiruu mootota haga Algaadii jiran maraa dhayee isaan fixe.

18Iyyaasuun bara baay'e'eef mootota kanniin maraa woliin wol lola'aa ture.

19Eewwotaa Gabaa'ooniin keessa jiraataniin alatti qachattiin ijoollee Israa'elii woliin wolii galte tokkollee hin jirtu; Maraa lolaan qabatan.

20Akkuma Rabbi Muusee ajaje akka isaan balleessanii fi gaachenallee akka isaan hin arganne sirima akka isaan balleessan, akka lapheen isaanii jabaatee Israa'eliin wol lolan Rabbi godhe.

21Hennaa san Iyyaasuun dhaqee biyya gaaraa Keebroon, Daabeer, Aanaab, gaara Israa'elii, gaara Yihuuda'aatii achi ijoollee Eenaaqii ajjeesee qachoota isaanii woliin sirima balleesse.

22Gaazaa, Geetii fi Azaaxoonitti namoonni hagoon hafan malee biyya Israa'elii keessatti ijoollee Eenaaqii keessaa homaa hin hafne.

23Akkuma Rabbi Muuse'etti hime Iyyaasuun biyya maraa fudhatee worra Israa'eliitii fi akkuma gosa isaaniititti biyya maraa isaanii kenne, achiin maayessa lolli biyya maraa irraa dhaabate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help