1Gaafas ilmi Abini'eemii Baarqii fi Dibooraan akkana jedhanii faarfatan.
2Israa'eliin keessatti
bulchoonni waan bulchaniif,
baniin fedha ufiitiin waan uf kenneef
Rabbiin galatoonfadhaa'a!
3Isin mootonni dhagayaa'a!
isinillee bulchoonni caqasaa'a!
Ani Rabbiif faarfadha;
Rabbii Waaqa Israa'eliitii faarfadha.
4Rabbii keenna!
Ati hennaa gaara Edoomiitii kaate,
hennaa ati lafa Edoomii irra deemte,
lafti hin sochoote;
samiiwwan rooba coccobsan,
Ee! Duumessi akkasuma bisaan roobe.
5Rabbii Waaqa Israa'elii afo'otti;
Waaqa Siina'aa afo'otti;
gaarran hin socho'an.
6Bara Anaatii ilma Semegaarii;
bara Iyyaa'elii karaan cite;
Imaltuun karaa Sirxiitiin deeman ture;
7Ati Dibooraan haga mootuuf
haga hennaa ati Israa'elii haadha taatee kaatuutitti;
Israa'eliin keessatti,
jajjaboonni hafan hin jiran;
8Waaqa tolfamaa haarawa filatan;
hennaa san lolli balbala maraa irratti ta'e;
namoota Israa'elii kuma afurtamaa keessa
Namni wonte'ee fi woraana
harkatti qabate tokkollee hin turre.
9Garaan kiyya gara worra Israa'eliin bulchaniiti.
gara worra fedha ufiitiin Rabbiif uf kennaniitii,
Rabbiin galatoonfadhaa'a.
10Isin worri Harree Adii yaabbattan,
worri kooraa irra teettan,
worri karaa deemtan
waan kana dubbadhaa'a.
11Kunoo caqasaa'a!
laagaa worra naannoo boolla bisaanii taa'anii wocanii,
Laagaan namoota hedduu kun
mooyachuu Rabbiitii fi
mooyachuu banii Israa'elii mudhisa.
Achiin maayessa laagaan banii Rabbii qachaa keessaa gara karraa gad baye.
12Dammaqi! dammaqi Dibooraa dammaqi!
dammaqi faaruu faarfadhu!
Baarqi ka'i! Ilma Abini'eemii
boojuu booji'i.
13Hennaa san worri hafe, gara gugurdootaatii fi gara bani'ii gad bu'e.
Rabbi waan kiyyaaf gugurdoota irratti bu'e.
14Worri worra Amaaleqii woliin hidda tokko ta'an Efreemii fi Biiniyaam,
Banii kee jiddu'utti siin maayessa bu'an,
bulchoonni Maakiriin irraa,
worri ulee mootumma'aa qabatan
Zaabilooniin irraa gad bu'an.
15Bulchooni Yisaakoorii Dibooraa woliin turan.
Yisaakoorillee akkuma Baarqii ture.
Isuma duubaan gara dhooqaa gad ariifatan.
Laga Roobeelii biratti qorannoo gudda'atu ture.
16Hennaa horiin madhatu dhagayu'uuf maaf gooruu hoolotaa keessa teette?
laga Roobeelii biratti qorqortii gudda'atu ture.
17Gala'aad Yoordaanosiin gama taa'e;
Daan maaf markaba keessatti hafe?
Aseerillee qarqara galaanaa taa'e.
Afaan lagaatitti hara baafate.
18Zaabiloon banii du'aaf dabarsee uf kenne.
Worri Niftaalemii tulluu biyya ufii irra jiraatan.
19Bisaan Magedoonii Ta'inaakiin biratti;
mootonni dhufanii lolaniin,
Mootonni Kana'aanillee isaaniin lolanii;
boojuu birri'ii hin arganne.
20Urjii samii irraatiin lolan;
deemsuma ufiitiin Siisaara'aan wol lolan.
21Lolaan Qiisoonii isaan balleesse;
Lanni Qiisoonii ka durii lolaan isaan fudhate;
lubbuu tiyya! gammadii lafa dhiiti!
22Sababaa ariisaa worra jajjaba'aatiin;
faradoon lafa sochoofte.
23Maleekkaan Rabbii akkana jedhe,
«Meerooziin abaaraa'a!
worra achi jiraatan maraa sirima abaaraa'a!
Isaan Rabbiin ladda hin dhaabanne;
Isaaf lolu'uufillee hin hiriirre.»
24Haati manaa ta Hebeerii nama gosa Qeeneezii Iyyaa'el,
dubartoota maraa caalaa haa eebbifamtu.
Dubartoota daasee keessa jiran caalaa haa eebbifamtu.
25«Bisaan kadhannaan aannan kenniteef!»
Sabaree worri gugurdaan ittiin dhuguun itittuu dhiyeessiteef.
26Akkasuma harka tokkotti xiribbaa'a,
harka tokkotti sukkaya qabattee,
xiribbaa mataa Siisaara'aa irratti gad dhooftee lafaan wolitti gad hodhite.
27Luka isi'ii jalatti gatantaree kufe;
luka isi'ii jalatti gombifame;
bakkuma gombifame sanitti kufee du'e.
28Isiin garuu fodda'aan isa laalte;
Haati Siisaara'aa qaalawaan gad laala'aa,
Maaf konkolaataan fardaa ka mucaa kiyyaa ture?
maaf laagaan konkolaata'aa dhagayamuu dhabe?» jettee gaafatte.
29Dubartoonni ogeeyyiin isi'ii sunniin akkana jedhanii isi'ii deebisan;
Isiin garuu akkana jettee ufii deebifte.
30«Boojuu argateeraamii?
boojuu argame san qoodama'aa jiraatinnuu?
nama maraafuu intallan babbareeddan takka yookaan lama argatinnuu? Siisaaraan uffata bifa bifaa babbareedaa, naallee, uffata babarruu fidinnaa?»
31Ee Rabbi! diintonni kee akkana haa badan,
Jaalalloon kee garuu akka aduu bariisa'aatitti haa ifan.
Kanaan maayessa biyya lafaa irratti woggaa afurtamaa lafti nagaya taate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.