1Yaa Rabbi! yaada garaa kiyyaa
gara kee dhiyeessa.
2Waaqa kiyya! ani si abdadha;
yabo'oo na hin saalfachiisin;
diintonni tiyyallee akka natti uf hin janye.
3Worri si abdatan sirima hin saalfatan;
worri si hin abdanne garuu
hin salphatan.
4Waandhana! akka karaa kee beeku na taasisi;
daandii kee na barsiisi.
5Ati fayyisaa kiyya; Waaqa kiyyalle'e;
dhugaa keetiin na masakki;
na barsiisi;
guyyaa guutuu si abdii godhadheeraa.
6Yaa Rabbi!
araaraa fi jaalala bara baraa
ka dur irraa jalqabdee mudhifte qaabadhu.
7cubbuu ijoollummaa kiyyaa;
yakka kiyya natti hin laakkayin!
akka baay'inna arjummaa keetiititti
haguma araara keetiitiin na yaadadhu.
8Rabbi misha'aa fi qajeela'a,
kanaafuu cubbamtoota karaa deemuu isaan barbaachisu
isaan barsiisa.
9Rabbi worra gad uf qabu karaa haqaa isaan masakka;
worra kasoo karaa ufiillee isaan barsiisa.
10Worra waada'aa fi seera isaa eegan;
karaan Rabbii maruu dhuga'aa fi arjumma'a.
11Yaa Rabbi! ulfinna maqaa keetiitiif jedhii
baay'inna cubbuu kiyyaa naa dhiisi.
12Namni Rabbiin sodaatu eennu?
Inni karaa ufii barbaadeen isa barsiisa.
13Inni hennaa maraa duroomee jiraata;
fiixaan isaallee biyya dhaalan.
14Rabbi worra isa sodaataniif hunna;
waadaa isaanii gale hin raawwata.
15Inni miila kiyya siiboo jalaa waan baasuuf
hennaa maraa ijji tiyya gara Rabbii laalti.
16Waandhana! ani rakkata'aa fi nama hojja jiru waan ta'eef
gara kiyya deebi'ii garaa naa laafi.
17Rakkoon garaa kiyyaa baay'ateera
dhiphinna keessaa na baasi.
18Rakko'oo fi dadhabbii kiyya laali;
cubbuu kiyya maraa naa dhiisi.
19Diintonni tiyya hagam akka baay'atan laali;
hagam akka mararfatanii na jibban laali.
20Na eegi; na oolchi;
ani waan sitti irkadheef na hin salphisin.
21Ani waan si abdadheef;
amanamummaanii fi qajeellummaan naa haa eeganii.
22Waandhana! Israa'eliin
rakkoo maraa jalaa oolchi!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.