Hujii Ergamootaa 25 - Kitaaba Woyyuu

Phaawuloos Fisxoosiin Afoo Dhiyaate

1Fisxoosillee gara godinaa seenee guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yerusaalemii baye.

224:1; 25:15 Manguddoonni gadootaatii fi bulchoonni Yihuudotaa Phaawuloosiin himatan.

323:15 Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan.

4Fisxoos ammo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime.

5Eegasuu yoo namni kun dhara qabaate isin keessaa worri baallii qaban ana woliin bu'anii haa himataniinii» isaaniin jedhe.

6Isaan bira guyyaa saddeetii yookaan kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee Phaawuloosiin akka fidan ajaje.

724:5-6,13 Hennaa dhiyaate worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan.

8Phaawuloos hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe.

9 24:27 Fisxoos ammo Yihuudota gammachiisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii murtaayu feetaa?» jedhee deebiseef.

10Phaawuloos ammo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teessoo murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu ani Yihuudota womaa hin yakkine.

11Eeganaa yoo yakkee yookaan waan nama ajjeesisu godhee jiraadhe du'a jalaa oola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru; gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe.

12Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii waan ol iyyatteertuuf gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef.

Phaawuloos Agriipha'aa Fi Barniiqee Afoo Dhiyaate

13Guyyaa hago'oon maayessa mootichi Agriipha'aa fi Barniiqeen Fiisxoosiin nagaya gaafachu'uuf gara Qisaariya'aa gad bu'an.

1424:27 Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif Fiisxoos waan Phaawuloosii mootichatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira.

15Uduu ani Yerusaalemiin jiru, bulchoota gadootaatii fi manguddoonni Yihuudotaa akka isatti murteessu kadhata'aa waan isaa natti himatan.

16Anillee, ‹Uduu himatamaan afoo himattootaa hin dhaabatin, waan itti himatameef deebii akka kennu carraa uduu hin argatin eennuunillee dabarsanii kennuun seera Rooma'aatii miti› jedhee isaanii deebise.

17Kanaaf hennaa asitti wol gayan ani uduu hin turin gaafa lamu'uu dhaddacha murte'ee irra taa'ee akka nama san fidan ajaje.

1818:14-15; 23:29 Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne.

19Haa ta'uu ammo waan amantii ufiitii fi waan Phaawuloos ‹jiraata'a› jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan.

20Anillee dubbii tana attamitti akka qoradhu mamee ‹gara Yerusaalemii deemtee dubbii kana achitti falmachuu barbaaddaa?› jedheen.

2125:11-12 Phaawuloos ammo haga Awugisxoos Qeesaar murteessutti akka eeggatu ol iyyannoo hennaa inni jedhe haga gara Qeesaarii erguuf akka eeggatu ajajeen.»

2223:8 Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Nama san ani deebi'ee dhagayuu barbaada» jedheen. Innillee, «Boru dhageettaan» jedheen.

23 Mat. 10:18; Luq. 21:12 Bariisaa Agriipha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii ajajaa loltuu kumaatii fi hangaftoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan.

2425:2,7; 22:22 Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a! isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu! ‹namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu› jedha'aa baniin Yihuudotaa maruu Yerusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran.

25Ani ammo waan isa ajjeesisaa akka godhee hin jirre hubadheera. Innillee gara Awugisxoos waan iyyateef isa erguu murteesse.

26Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf afoo keessanitti mootii Agriiphaa'a! keessattuu afoo kee isa dhiyeesse.

27Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help