1Saa'ol hennaa moowu nama woggaa soddomaa ture; worra Israa'elii irratti woggaa lamaa haga mooyeen maayessa,
2namoota kuma sadihii worra Israa'elii keessaa filate namoonni kuma lamaa isa woliin Maakisa'aa fi gaara Beeteelii gubbaa turan; namoonni kuma tokkoo Gibi'aa Biiniyaamiititti ilma isaa Yoonaataa woliin turan; banii hafe ammo akka gara daase'ee dacha'an godhe.
3Yoonaataan hulee Naasiib jedhamutti duula worra Filisxeemii dhaye; worri Filisxeemiillee kana dhagaye; Saa'ol worri Ibrootaa haa dhagayuu jedhee biyya marattuu xurumbaa afuufsise.
4Worri Israa'elii maruu akka Saa'ol duultota worra Filisxeemii dhaye, worri Israa'elii akka worra Filisxeemii biratti akka batti'iititti waan laallamaniif baniin maruu Saa'oliin faana deemanii Gelgela'atti wol gayan.
5Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolu'uuf wol gayan; loltuun konkolaataa fardaa kuma soddoma, worri fardaa namoota kuma jaha; isaan namoota baay'ee akka xidhacha galaanaa turan; achii ka'anii karaa Beetawweeniitiin gara baya biiftu'uutiin Maakimaasitti quphatan.
6Baniin guddisee waan sodaateef worri Israa'elii akka rakkinna guddaa keessa jiran haga argan baniin godaa fi qoree buura qilee kaloo dhaabaatii fi boolla keessatti dhokatan.
7Worra Ibrootaa keessaallee namoonni gariin laga Yoordaanosii ceeyanii gara biyya Gaadiitii fi biyya Gala'aadii dhaqan; Saa'ol garuu Gelgelamatti hafe; baniin maruu hollata'aa isa faanaa deeman.
8Saa'ol akkuma haaganaa Saamu'eel isaa qabeetitti Saa'ol Saamu'eeliin eegu'uuf haga guyyaa torbaa ture; garuu Saamu'eel haga hennaa saniititti gara Gelgela'aa hin deebine; sababaa kanaaf namoonni hedduu Saa'oliin dhiisanii biraa lixan.
15Saamu'eel Gelgela'aa ka'ee deeme; baniin hafe ammo Saa'oliin faanaa gara loltoota ufii deeman; Gelgela'aa ka'anii gara Gibi'aa gara Biiniyaamii dhufan; Saa'ol banii isa woliin jiru tooyate; Saa'ol hennaa namoota ufii laakkayu haga namoota dhibba jahaa ta'an.
16Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataan baniin isaan woliin jirullee lafa Biiniyaamii Gibi'aa keessa jiraatan worri Filisxeemiillee Maakimaasitti quphatan.
17Duultonni worra Filisxeemii bakka sadihitti qoodamanii qabattee qabanii kushee ufii keessaa yaa'an; gareen tokko gara oofraa bulchiinsa Baashu'aalii dhaqan.
18Gareen lammeesso'oo gara karaa Beetihoorii naannaye, gareen sadeesso'oo ammo gara dhooqa gammoojjii Sibooyii fiduu naannaye.
19Worri Filisxeemii worra Ibrootaa guraade'ee fi woraana akka hin hojjanne waan dhoogganiif biyya Israa'eliititti namni sibiila tumee meeshaa woraanaa hojjatu hin argamne.
20Worri Filisxeemii maruu maarashaa, haamtuu, qottoo tumsiisu'uuf gara worra Filisxeemii dhaqan.
21Gatiin sibiila kanniin tumsiisu'uuf, qaccee sibiilaa ka sanga'aan oofan qarsiisu'uuf kaffalan birrii haga saqilii afurii ulfaatu; gatiin maarasha'aatii fi doomaa qarsiisu'uuf kaffalanillee dachaa saniiti.
22Kanaafuu guyyaa duulaa Saa'olii fi ilma isaa Yoonaata'aa achi loltoota worra Israa'elii keessaa namni guraade'ee fi woraana harkatti qabate hin jiru.
23Duulli worra Filisxeemiillee karaa gara Maakimaasii dhaqaniin bayan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.