1Deebinee ufumaa uf galatoonfachuu jalqabnaa? Mo'o akka kaawwanii dhaamsa galatooma'aa gara keessanii yookaan isin biraa nu barbaachisa ta'a?
2Qor. 1ffaa 9:2 Isin worra namoonni maruu beekanii fi dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin.
3Ser. Ba'u. 24:12; Erm. 31:33; His. 11:19; 36:26 Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera.
4Karaa Kiristoosiitiin Rabbiin irratti amantii akkanaa kana qabna.
52:16; Filph. 2:13 Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti.
6Erm. 31:31; Qor. 1ffaa 11:25; Yoh. 6:63; Rom. 7:6 Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee qube'een waan hin taaneef akka tajaajiltoota waadaa haarawaa tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni Woyyuun ammo jireenna kenna.
7 Ser. Ba'u. 34:29-35 Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee namoonni Israa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e;
8Gal. 3:2,5 Tajaajilli Ayyaana Woyyu'uun argamu kun ulfinna kana caaluun attamitti hin taane ree?
9Kes. Deb. 27:26; Rom. 1:17; 3:21 Eeganaa tajaajilli murtii namaatiin dhufu yoo ulfinna qabaate, tajaajili qajeellummaa fidu ammo isa caalaa ulfinna fida.
10Wonti duraan ulfinnaa sun ka ulfinnaan isa caaluu biratti yoo laallame ulfinna waan dhabeef.
11Ibr. 7:22 Ka diiggamu'uuf ture sun ulfinnaan yoo ta'e, ka bara baraan jiraatu ammo ulfinna guddisee caaluun waan ta'eeruuf.
12Eeganaa yoo abdii akkanaa kana qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna.
13Ser. Ba'u. 34:33-35; Rom. 10:4 San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Israa'elii xiinxallanii hin laallee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haa ta'uu ammo yaanni isaanii jal jedhe.
14Isa. 6:10; 29:11-12; Rom. 11:25; Efe. 2:14-15 Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan.
15Haa ta'uu ammo haga adhaa hennaa kitaabbileen Muuse'ee dubbifaman maraa golgaan sun garaa isaanii keessa hin jiraata, hennaa gara Goofta'aa garagale ammo golgi maruu hin ka'a.
16Ser. Ba'u. 34:34; Rom. 11:23,26 Gooftaan Ayyaana.
17Rom. 8:2; Qor. 1ffaa 15:45 Hulee Ayyaanni Goofta'aa jiru wolabumma'atu jira.
184:6; Rom. 8:29 Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.