Gara Worra Tasolonqe'ee 1ffaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Ximootewoos Gara Tasolonqe'ee Ergame

1 Hu. Er. 17:15 Kanaafuu obsuu dadhabnaan, ganda Ateena'aatitti hojjuma keenna hafu'uuf murteeffanne.

2Hu. Er. 16:1-3 Waan amantii keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Dubbii Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximootewoosiin gara keessan ergineerra.

3Efe. 3:13; Xim. 2ffaa 3:12 Sababaa rakkinna kanaatiin eennullee akka hin raaffamne, waan kanaaf akka filamne isinuu waan beettaniif.

4Hu. Er. 14:22 Hennaa isin woliin jirru, rakkinni akka nu irra gayu duraanuu isinitti himneerra. Akkasuma akkuma isin beettan wonti sun dhugamaan ta'eera.

5Filph. 2:16; Mudh. Yoh. 2:10 Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantii keessan beeku'uuf isa ergeera.

6 Hu. Er. 18:5 Amma ammo Ximootewoos isin biraa gara keenna dhufee waan amantii keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime.

7Tas. 2ffaa 1:4 Kanaafuu obboleeyyan tiyya! karaa amantii keessaniitiin rakkinnaa fi miidhamuu keenna maraa sababaa amantii keessaniitiin jajjabaanneerra.

8Yoo isin Goofta'aan jabaattanii dhaabattan, dhugamaan amma nullee jiru'uun jiraanna.

9-102:19-20; Yoh. 3ffaa 4 Fuula keessan argu'uuf, waan amantii keessan keessaa hanqate isinii guutu'uuf halkanii fi guyyaa hagaa olitti Rabbiin kadhata'aa waan keessaniif Waaqa keenna afo'otti gammachuu gammannu maraa sababaa keessaniif Rabbii hagam galata galchuu dandeenna?

11Waandhi Waaqeffamaan Abbaan keennaa fi Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosillee gara keessan karaa nuu haa qajeelchu.

12-13Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos woyyoota maraa woliin hennaa dhufu, afoo Waaqa Abbaa keennaa, woyyootaa fi worra mudaa hin qabne isin taasisee, onnee keessan akka dhaabu akkuma nullee isinii taane Goofta'aan waan wolii qabnu jaalala maraafuu ta'uun isinii haa guddisu, haa eda'ulle'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help