1Rabbi Waandhi jabaan hin dubbate;
baya adu'uutii haga dhiya adu'uu ardii waame.
2Tsiyoonii guutuu bareedduu taate irraa;
Rabbi ibse.
3Waandhi keenna hin dhufa; hin cadhisu;
ibiddi nama gubu isa afoo jira;
bubbeen haboonbolattiin jabaan naannoo isaa jira.
4Inni bani'itti murteessu'uuf
ardi'ii fi samii akkana jedhee raga'aaf waama;
5«Tajaajiltoota woyyoota tiyya ta hulee ciinca'aatitti na woliin waadaa galan
wolitti naa qabaa'a.»
6Rabbi ufumatti abbaa murti'ii waan ta'eef,
Samiiwwan balchummaa isaa labsan.
7Rabbi ammallee akkana jedhe,
«Banii kiyya! dubbii kiyya dhagayi;
Israa'elii kiyya sitti ragaa
ani Rabbi Waaqa keeti.
8Waan kenna'aatii fi
ciincaa hennaa maraa gootuuf si hin himadhu.
9Mana kee keessaa mirgoo,
re'iin keessaa korbeessa re'e'ee hin fudhu.
10Busaawaan muka keessaatii fi
gobbuun hori'ii ka kumaatamatti laakkayamu ka gaarran irraa maruu kiyya.
11Simbirroota gaarran irraa maraa hin beeka;
horiin raasaa keessa jiru maruu kiyya.
12«Ardiinii fi wonti ardii irra jiru maruu waa kiyya ta'eef
uduu ka beelawuutille'ee sitti hin himu.
13Dhugamaan ani foon kormaa nyaadhaa?
yookaan dhiiga re'e'ee dhugaa?
14Ciincaa galataa Rabbii ciincessi;
Gooftaa waa maraa danda'uuf woreega kenni.
15Hennaa rakko'oo na waami;
si oolchaa
atillee na kabajjitaa.»
16Rabbi cubbama'aan,
«Maaf seera kiyya irraanfatta?
waadaa kiyya afaan keetiin dubbachuu mirga qabdaa?
17Ati gorsa kiyya dhagayuu didde;
dubbii kiyyallee hin tuffatte
18Hennaa hattuu argite isa woliin fiidda;
hiree keellee worra seebaru woliin taasifte.
19«Afaaniin waan hamaa dubbatta;
wonti dubbattu maruu soba.
20Teettee obboleessa kee hamatta;
ilma haatetii maqaa balleessite.
21Kana maraa gootee sitti cadhise;
waan ani akka kee ta'e seete;
amma garuu adima si xixa;
addaatama siin lola.
22«Kanaafuu isin worri Rabbiin irraanfattan;
kana hubadhaa'a;
ta'uu baannaan ani isin bittinneessa;
ka isin oolchullee hin jiru.
23Namni ciincaa galataa naa dhiyeessu na kabajja;
ka karaa ufii qajeelfatuu ani fayyummaa kiyya itti mudhisa.» jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.