1Bulchoonni bani'ii qachaa Yerusaalemii keessa taa'an; Baniin hafan maatii kudhanii keessaa harki tokko garuu Yerusaalemii qachattii woyyittii, maatiin salgan garuu qachoota biraa keessa akka jiraataniif hixaa wolitti buusan.
2Baniin worra fedha ufiitiin qachattii Yerusaalemii keessa jiraachuu barbaadan sanniin maraa hin eebbisan.
3Bulchoonni biyyaa worri Yerusaalemii keessa jiraatan kanniin. Worri Israa'eliitii fi gadoonni, Leewwonni, Tajaajiltoonni mana woyyu'uu, ijoolleen garboota Solomoonii adduma addaan lafa ufiitii fi qachaa ufii Yihuudaa keessa jiraatan.
4Ijoolleen Yihuuda'aatii fi ta Biiniyaamii Yerusaalemiin keessa jiraatan. Ijoollee Faareesii ilmaan Yihuuda'aa keessaa ilma Malaali'eelii, ilma Safaaxiyaasii, ilma Amaariya'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Ooziya'aa, Attaayyaa,
5ilma nama gosa Seeloona'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Yooyaaribii, ilma Addaayya'aa, ilma Ozaaya'aa, ilma Kolhooze'eetii fi ilma Baarookii Ma'iseeyaa fa'a.
6Ijoolleen Faareesii ta Yerusaalemiin keessa jiraatan namoota dhibba afurii fi jahaatamii saddeet. Isaan worra jajjabaa turan.
7Horteen Biiniyaamii ilma Yashaaya'aa, ilma Iti'eelii, ilma Ma'iseeya'aa, ilma Qolaaya'aa, ilma Faddaaya'aa, ilma Yoo'idiitii fi ilma Meesulaamii Saaluu fa'a.
8Isaaniin maayessallee Geebeena'aa fi Saalaayii maatii Saalu'uuti.
Isaan wolumatti qabaa dhiira dhibba sagalii fi diddamii saddeet.
9Bulchaan isaanii Iyyu'eelii ilma Zikirii ture. Yihuudaan ilmi Hasmu'aamii qachaa irratti bulchaa lammeesso'oo ture.
10Gadoota keessaa Yoodaa'ee ilma Yooyaaribii Yaakiin.
11Bulchoonni mana Rabbiillee ilma Akixoobii, ilma Maraayootii, ilma Saadooqii, ilma Meesulaamiitii fi Sarraayaa ilma Keliqiyaasiiti.
12Obboleewwan isaanii worri hujii manaa hojjatan dhibba saddeetii fi diddamii lama. Ilma Malkiya'aa, ilma Faaskoorii, Ilma Zakkaariyaasii, Ilma Amaasii, ilma Falaaliya'aa, Addaayaa Ilma Yirohaamii,
13obboleewwan isaaniitii fi bulchoonni hortee maatii isaanii namoota dhibba lamaa fi afurtamii lama. Ilmi Imeerii, ilmi Mishileemootii, Ilmi Ahizaayii, Amaasiyaa ilma Eziri'eelii,
14obboleewwan isaanii namoota jajjabaa dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; bulchaan isaanii Zabdi'eelii ilma Hagidoolimii ture.
15Leewwota keessaa ilma Buni'ii, ilma Asaabiya'aa, Ilma Aziriqaamii, Shaamayaa ilma Asuubii.
16Bulchoonni worra Leewwotaa worri hujii mana Rabbiitiin ala raasaa keessa jiru irra turan Saabaataayii fi Yoozaabaatiin fa'a turan.
17Hennaa faate'ee bulchaan worra galata dhiyeessanii ilma Asaafii, ilma Zabiidii, Mataaniyaa ilma Miikka'aa, obboleewwan isaa keessaa Baqibaqaarii nama lammeesso'oo, ilma Edootaamimii, ilma Galaalii fi Abdiyaa ilma Saamusii,
18Leewwonni qachattii woyyittii keessa jiraatan namoota dhibba lamaa fi saddeettamii afur turan.
19Garboonni balballan eegan Aquubii fi Xeelmoon, obboleewwan isaanii woliin namoota dhibbaa fi torbaatamii lama turan.
20Gadoonninii fi Leewwonni worra Israa'elii keessaa hafan garuu adduma addaan qachaa Yihuuda'aa maraa keessa lafuma ufii irra jiraatan.
21Tajaajiltoonni mana woyyuu qachaa Yerusaalemii keessa tulluu Oofeel jedhamu irra jiraata'aa turan; Siha'aa fi Gishiphaan bulchoota isaanii turan.
22Faarfattoonni hujii mana Rabbii irratti argaman gosa ijoollee Asaafii keessaa Ilma Miikka'aa, ilma Mataaniya'aa, ilma Hashaabiya'aa, Oozii ilma Baani Yerusaalemiin keessatti bulchaa Leewwotaa ture.
23Faaruu guyya guyya'aan tartiibaan dhiyaatuuf mootichi ajaja baasa'aa ture.
24Fattaayaan ilmi Meesezeebelii ka Zaaraa gosa Yihuuda'aa waan banii Israa'elii laalu maraaf mooticha bira ture.
Banii Gandootaa fi Qachoota Biraa Keessa Jiraatan25Waan gandootaatiif, waan maasaa ufiitiif ijoollee Yihuuda'aa keessaa namoonni hedduu Qiriyaati'arbaaqii fi gandoota isi'ii keessa, Diiboonii fi gandoota isi'ii keessa, Yiqabsi'eelii fi gandoota isi'ii keessa,
26-27Iyyaasuu, Molaadaa, Beetiphaaleex, Hatsarshulaag,
28Beersaabeehii fi gandoota isi'ii, Tsiglaag, Mikkonaana'aa fi gandoota isi'ii,
29Ayinriimoon, Tsoori'aa, Yaarimuut,
30Zaanowaa, Adolaamii fi gandoota isi'ii, Laakkisoo fi maasaa isi'ii, Azeeqa'aa fi gandoota isi'ii keessa jiraatan; akkasuma Beersaabeehiin irraa jalqabee haga dhooqa Heenoomiititti mana ijaaratan.
31Ijoolleen Biiniyaamii Geebaa irraa jalqabee haga Maakimaasiiti,
32Beeteelii fi gandoota isi'ii Anaatoot, Noob,
33-34Hannaaniyaa, Hatsoor, Raamaa, Giiteem, Hadiid,
35Sibooyim, Baanbalaat, Lood, Oono'oo fi Geharaashimiin keessa jiraatan.
36Worri Leewwotaa ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan heddu isaanii gara worra Biiniyaamii ta'an.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.