1Dubbii waan Xiroosiitiif dubbatame;
markaboota Tarseesii banne jedhaa'a;
Xiroos waan diiggamteef;
manaa fi buufata markabaa malee hafteerti;
biyya Qophiroosiitii;
oduun isaanii bayeera.
2Isin worri duroomtan ka galaana irra deemtan;
worri lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan;
daldaltoonni Siidoona'aallee cadhisaa'a.
3Bisaan gugurdaa irra;
Xiroosii midhaan Shiihoorii dhufa'aa ture;
midhaan abbaayii galii isi'ii ture;
isiin buufata daldala moototaa taate.
4Qachaa Siidoona'aa!
ati maandheen galaanaa; sodaadhu;
galaanni «Hin ciniinsifanne; hin deenne;
ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa hin guddifne»
waan jedheeruuf.
5Oduun biyya Xiroosiitii dhufu;
hennaa biyya Misiriititti dhagayamu
hin hucuucaman.
6Isin worri lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan;
banne'een booyaa'a
gara Tarseesiillee ceeyaa'a.
7Ta lutti isi'ii biyya fagoo fidde;
ta akka achitti quphattu isii goote;
qachaan bara durii;
qachaan teessan ta gammachu'uutii fi
ta qanani'ii tanaa?
8Ta gulloo ulfinnaa godhatte;
ta daldaltoonni isi'ii abboota murti'ii ta'an;
ta worri ulfinnaa ka gurguratuu fi ka jijjiiratu
keessa jiraatutti;
ka Xiroositti waan kana yaade eennu?
9Uf jajuu ulfinna maraa salphisu'uuf;
waan ardii irratti ol jedhe maraa gad deebisu'uuf
Rabbi Gooftaan banii maraa murteesseera.
10Intala Tarseesii;
ammaa achi ka si dhooggu waan hin jirreef;
akka laga abbaayii lafa irra gara gali.
11Rabbi harka ufii galaana irra badhise;
mootota isi'iillee hin naasise;
maandheewwan Kana'aaniillee akka diiggaman
ajaja kenne.
12Akkana jedhe, «Ati durbi Siidoonii ta
miidhamte!
ammaa achi hin gammadin!
«Ka'ii gara Qophiroosii ceeyi;
achittillee nagaya hin argattu»
13Mee lafa worra Baabiloonii laalaa'a;
baniin duwwaa ta'eera;
worri Asoorii ka busaawaan lafa gammoojji'ii
keessa burraaqu godhaniiran;
ijaarsa gamo'oo itti ijaarataniiran;
maandheewwan isi'ii hin diigan;
tuulaa waan diiggamee isii taasisan.
14Isin markaboonni Tarseesii; banne jedhaa'a;
maandheen keessan diiggameeraa.
15Barri qachaan Xiroosii haga woggaa torbaatamaa irraanfatamtee haftu hin dhufa; barri kun umurii mootii tokkooti; haga barri sun lufeen maayessa Xiroos akka dubartii seebartuu sirbaniititti hennaan isi'ii sirban hin dhufa.
16Ati seebartuu irraanfatamte;
kiraara sagalee guddaa dhageessisu ol kaasi;
akka yaadatamtu;
kiraara kee ka sagalee guddaa dhageessisu;
midhaassii dhayi;
sirba hedduu sirbi»
17Woggaa torbaatamaan maayessa Rabbi qachattii Xiroosii hin tooyata; gara hujii daldala isi'ii ka duraatitti isii deebisa; mootota adunyaa keessa jiran maraa woliin seebarti.
18Qarshiin isiin daldalaan argattu ka Rabbiif woyyoome ta'a; hin kuufamu, wolittillee hin qabamu; tajaajiltoonni Rabbii nyaataa fi uffata irra oolfatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.