Raajii Isaayyaasii 32 - Kitaaba Woyyuu

Mootii Qajeellumma'aan Bulchu

1Mootiin balchumma'aan mooya;

bulchoonnillee haqaan bulchan.

2Namni maruu ka qilleensa itti daadayatan;

ka kirfaffuu jalaa itti irkatan ta'a;

lafa gammoojji'iititti akka burqaa bisaanii;

lafa godde irratti akka gaaddisa dhagaa

gudda'aa ta'a.

3Ijji namaa ta waa argitu ammaa achi hin dunuunfattu;

gurri dhagayu dammaqee caqasa.

4Sammuun jarjara'aa hin beeka; hin hubatalle'e;

arrabni cabaqullee hin hiikkama;

qajeelchee dubbata.

5Ammaa achi ka amshaaggu bilcho'o hin jedhamu;

ka adaba hin qabne hin kabajjamu.

6Amshaaggaan waan amshaagga'aa dubbata;

sammuun isaa hammeenna dhudhuma;

hujii sodaa Rabbii hin qabne raawwata;

waan Rabbii soba dubbata;

ka beelayee nyaata dhooggata;

ka dheebotee bisaan hin kennu.

7Malli adaba dhabeessaa hama'a;

yoo iyyannaan rakkata'aa sirrii ta'e;

hiyyeessa sobaan balleessu'uuf;

dhara dhudhuma.

8Bilchoo garuu yaanni isaallee bilcho'o;

karoora ufii bilchinnaan raawwata.

Dubartoota Boonan Seeran

9Isin dubartoota uf jaju'uun bokottan;

ka'aa'a; laagaa kiyya dhagayaa'a;

isin ijoollee intalaa ta qananiitanii jiraattan;

waan ani isinitti himu caqasaa'a.

10Akkuma barri lufeen

worri qananiitanii turtan;

hin hollattan;

biqiltuun woyini'ii daraaraa hin kennu;

hennaan daraara'aa hin dhufu.

11Isin dubartoonni uf jaju'uun bokottan;

holladhaa'a;

isin ijoolleen intalaa ta qanani'iin jiraattan;

soda'aan taf taf jedhaa'a;

uffata keessan baafadhaa'a;

mudhii keessan uffata gaddaatiin hidhadhaa'a.

12Waan lafa teessan laliftuu godduutiif butadhaa'a;

waan biqiltuu woyini'ii ka daraaraa qabuutiif gaddaa'a;

13Waan lafa banii kiyyaatiif;

waan lafa qore'ee fi qummuudduun itti marguutiif;

waan manniin itti baldamu maraaf;

waan qachattii subulluqaa tanaatiif booyaa'a.

14Maandheen dawoo isi'ii ona ta'a;

qachaan wocaa haxum jedha;

maandheenii fi goom'een rarraasa'aa

goda baraa haga bara baraa;

ka harreen diidaa itti subulluxxu;

ka horiin itti bobba'u ta'a.

Abdii Fayyinnaa

15Wonti kun ka ta'u; haga Hafuurri Rabbii olii nuu bu'utti;

lafti gammoojji'ii lafa lalisaa;

haga lafti lalisaan bosona fakkaatutti.

16Lafa gammoojji'iititti haqatu babadhata;

lafa lalisaa irra balchumma'atu jiraata.

17Daraaraan balchumma'aa nagaya;

bu'aan balchumma'aallee cadheensaa fi

baraa haga bara baraa abdachu'u.

18Baniin Rabbii mana jireennaa ka nagayaa keessa;

mana amansiisaa keessa;

hulee cadheensaa keessa hara baafatee jiraata.

19Yoo bosonni barada'aan dhayame;

qachaan yoo sirima barbadaaye,

20Worri laga qarqaratti sanyii facaaftan;

worri sangoole'ee fi harriin teessan;

akkanumaan bobbaaftan

isin worra attam eebbifame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help