Abboota Murti'ii 3 - Kitaaba Woyyuu

Banii Biyyattii Irraa Hin Ari'amne

1-2Worri ormaa ka Rabbi worra Israa'elii ka lola hin baranneen isaan qoru'uuf lola isaan barsiisu'uuf worri Kana'aanotaa ka inni achitti hambise kanniin,

3Worra gugurdoota shanan Filisxeemii, worra Kana'aanootaa maraa fi Siidoonota maraa gaara Ba'aal'armoni'eemiitii haga seensa Haamaatii, worra Eewwotaa ka gaara Libaanosii irra jiran,

4Ajaja Rabbi abboota isaaniitii Muuse'etti kenne akka beekan worra Israa'elii qoree laalu'uuf worri inni hambise kanniin.

5Ijoolleen Israa'elii worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewwotaa fi worra Iyyaabusootaa jidduu jiraatan.

6Isaanillee worra kanniin irraa intala fuudhan, ta ufiillee isaanitti heerumsiisan, waaqolee tolfamaa isaaniillee hin waaqeffatan.

Ootini'eel

7Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan badaa hojjatan, Rabbii Waaqa ufii dhiisanii Ba'aalii fi Astaarotiin waaqeffatan.

8Kanaaf Rabbi worra Israa'eliitiin lolee harka mootii Maasephexomiya'aa Kusaarsate'etti dabarsee isaan kenne, ijoolleen Israa'eliillee woggaa saddeetii Kusaarsatee jalatti bulan.

9Achiin maayessa ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan, Rabbillee nama isaan hambisu obboleessa Kaaleebii maandhicha ilma Qeeneezii Ootini'eeliin isaanii erge.

10Hafuurri Rabbii Gotoniyaaliin irra dhufe; innillee worra Israa'elii bulcha'aa ture; innillee lolu'uuf ka'ee Rabbi mootii Masephexoomiya'aa Kusaarsatee dabarsee harka isaatitti kenne; innillee Kusaarsatee hin mooyate.

11Bara san irraa jalqabee biyyiti sun haga woggaa afurtamaa lola irraa hara baafatte; achiin maayessa ilmi Qeeneezii Gotoniyaal hin du'e.

Eehuud

12Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa waan hojjataniif Rabbi mootii Moo'aabii Egloomiin Israa'eliin irratti kaase.

13Egloom ijoollee Amooniitii fi Amaaleqii ufitti eda'ee dhaqee Israa'eliin lolee Iyyaarikoo, qachattii Meexxi'ii qabate.

14Ijoolleen Israa'elii mootii Moo'aabiitiif woggaa kudha saddeetii garbooman.

15Kanaan maayessa ijoolleen Israa'eliillee gara Rabbii iyyinaan nama achi keessaa isaan baasu nama gosa Biiniyaamii Eehuudii bitaatticha isaanii kaase; ijoollee Israa'elii karaa isaatiin gara mootii Moo'aabii gara Eegloomii gibira ergan.

16Eehuud billawa gara lamaaniin qara qabu ka dheerinna ciqilee tokkoo hojjatee, gara harka mirgaatiin hidhatee,

17mootii Moo'aabii Eegloomii gibira fide; Eegloom guddisee furda'a.

18Haga gibira gabbareen maayessa, namoota gibira fuudhan geegesse.

19Eehuud garuu karaa Gelgela'aa ka dhaaba dhagaa waaqa tolfama'aatiin gara mooti'ii deebi'ee, «Mootii'i! ani amma waan dhossa'atti sitti himu qaba» jedhe; mootiinillee, «Cadhi!» jedheen. Namoonni mootii bira jiranillee biraa bayan.

20Eehuud, mootii teessoo ufii irra taa'eerutti siiqee, «Ergaa Waaqaa sitti himaa» jedheen; yoo mootichi teessoo ufii irraa ol ka'u,

21Eehuud harka ufii ka bita'aatiin billawa ufii luqqifatee garaa isaa keessa woraane.

22Billoofni haga gonfaa moora keessa lixee duubaan fulla'e.

23Eehuud bayee balbala duubaan itti cufe.

24Haga Eehuud lixeen maayessa garboonni isaa dhufanii akka balbalti duubaan cufamteertu arganii maal laataa fincaaniif taa'eera jedhanii achuma turan.

25Haga guddisanii dhaabataniin maayessa uduma dhaabatan balballi banamuu dinnaan furtuu fudhatanii, balbala bananii hennaa ol seenan, mooticha du'e reeffa lafatti argan.

26Hennaa isaan uduu dhaabatan turan san keessa Eehuud dheessee dhaaba dhagaa ka waaqa tolfama'aa san lufee Seerota'atti gale.

27Hennaa achi gaye gaara Efraata'aa irra ol bayee xurumbaa afuufnaan baniin Israa'elii gara isaa yaa'e, innillee isaan jalaa deema'aa,

28«Kunoo Rabbi diina keessan Moo'aabiin dabarsee isinii kenneeraa na duukaa koottaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee isa faanaa gad bu'anii karaa worri Moo'aabii laga Yoordaanosii ceewuun qabatanii nama tokkollee ceewuu dhooggan.

29Hennaa san worra Moo'aabii keessaa dargaggeeyyii kuma kudhanii ajjeesan; isaan keessaa namni tokkollee jalaa hin baane.

30Gaafas Moo'aab harka ijoollee Israa'elii jalatti salphate; achiin maayessa woggaa saddeettamaaf nagaya argatte.

Semegaar

31Eehuudiin maayessa ilmi Anaatii Semegaar mooyee worra Filisxeemii keessaa gaafa sanga'aatiin nama dhibba jahaa ajjeesee worra Israa'elii Filisxeemiin jalaa baase.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help