Kitaaba Iyyoobii 13 - Kitaaba Woyyuu

1«Kunoo waan kana maraa ijji tiyya argiteerti;

gurri kiyyallee dhagayee hubateera.

2Waan isin beettan anillee ima beeka;

ani sirima isinii gadii miti.

3Garuu Waaqa waan maraa danda'u woliin dubbachuu barbaada,

ani waan kiyyaa Rabbitti falmadha.

4Isin garuu worra sobaan guuttame;

isin worra nama yaalu

ka fayyisuu hin dandeenne.

5Uduu cadhiftanii jiraattanii,

silaa kun ogummaa isiniif ta'a!

6«Ammallee mormii kiyya dhagayaa'a;

falmii kiyya caqasaa'a.

7Maaf maqaa Rabbiitiin soba dubbattan?

gowwoomsu'uun waan Rabbiin gammachiiftan seetanii?

8Isaaf daloo hojjattanii?

Isaa falmitanii?

9Rabbi uduu isin qoratee,

waan mishaa isin keessatti argaa?

akkuma nama gowwoomsitan

isallee waan gowwoomsitan isinitti fakkaataa?

10Dhossa'aan yoo daloo hojjattan,

Rabbi isin teedeffata.

11Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu?

Gaachenni isaa isin hin naasisuu?

12Mammaanni keessan akka daara'aati; gatii hin qabu,

mormiin keessan akka faaraatitti caccabee bututa.

13Mee cadhisaa'a,

amma ani haa dubbadhuu;

achiin maayessa wonti fedhe natti haa dhufuu.

14«Ani maaf foon kiyya ilkaan kiyyaan ciniinee

lubbuu tiyya harka kiyyaan qabadhe ree?

15Kanaafuu uduu inni na ajjeesuu fedhelle'ee isa obsaan eeggadha,

karaa kiyya irra dhaabadhee waan jiruu tiyyaa falmadha.

16Namni cubbamaan waan Rabbiin afoo dhiyaatuu hin dandeenneef,

maal laataa ugguun kiyya kun fayyinnaaf sababaa naa ta'uu danda'a.

17Waan kiyya jabaadha'aa dhagayaa'a.

ragaa kiyyallee gurra keessaniin caqasaa'a.

18Ani amma dubbii kiyyaa toora qabsiifadheera;

akka dhugaa argadhullee hin beeka.

19Ka na himatu jiraa ree?

yoo jiraate ani cadhiseetuma du'a.

20Gooftaa kiyya ani akka si afo'otti hin dhokanne;

waan kanniin lamaan naa godhi.

21Irree kee ka adabbi'ii na irraa kaasi;

gaachena keetiin na hin sodaachisin.

22«Waandhana! dura ati dubbadhu anillee sii deebisaa;

yookaan ani hin dubbadhaa ati naa deebisi.

23Yakkinii fi cubbuun ani qabu ka hagam gayu?

balleessaa kiyyaa fi cubbuu kiyya natti himi.

24Wonti fuula kee na dhoffatteef;

akka diinaatittillee wonti na laakkofteef maali'i?

25Akka baala bubbeen harcaaftuutii fi

akka buraa gogeetitti maaf sodaachiftee na ariita?

26«Himannaan ati na irratti barreessite guddisee hadhaaya;

cubbuu ani daa'imummaa irraa jalqabee hojjadhe naa hin dhiifne.

27Luka kiyya gudeelcha jiddu'utti hiiteerta,

deemsa kiyya maraa hin tooyatta.

faana luka kiyyaa hin qoratta.

28Sababaa kanaaf ani akka waan shamee ta'ee jiraadha;

akka uffata xiinxanaan nyaateetitti bada.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help