Kitaaba Faaru'uu 119 - Kitaaba Woyyuu

Seera RabbiiAleef

1Worri jireenni isaanii mudaa hin qabne,

worri seera Rabbiitiin jiraatan

worra eebbaati.

2Worri seera isaa eegan,

worri onnee guutu'uun isa soqan,

worra eebbaati.

3Isaan waan hamaa godhan;

seera Rabbiitiin jiraatan.

4Seera kee akka jabeessinee eennu

ati ajajjeerta.

5Ani seera kee eegu'uuf;

akka karaan kiyyallee naa qajeelu;

hin hawwa ture.

6Ajaja kee yoo laalu

yoo san hin saalfadhu.

7Hennaa murtii kee qajeelaa baradhu,

onnee qajeeltu'uun si galatoonfadha.

8Seera kee hin eega;

sirima na hin gatin.

Beet;

Seera Rabbiitii Ajajamuu'u

9Dargaggeessi karaa ufii maali'iin qulqulleeffata?

dubbii kee eegu'uun.

10ani onnee guutu'uun si soqe

ajaja kee irraa na hin fageessin.

11Akka si hin yakkine

dubbii kee onnee tiyya keessatti dhoffadhe.

12Yaa Rabbi! Ati eebbifama'a;

seera kee na barsiis.

13Seera kee keessaa bawu maraa

afaan kiyyaan dubbadha.

14Akkuma namni qabeennaan gammadu;

anillee seera kee eegu'uun gammada.

15Ajaja kee hin dhudhuma;

karaa kee hin soqa.

16Ajaja keetitti hin gammada;

dubbii kee hin irraanfadhu.

Gaameel;

Gammachuu Seera Rabbii Irraa Argamu

17Garbicha keetii waan mishaa godhi;

jiraataa ta'ee akka dubbii kee eegu.

18Ija tiyya naa bani;

seera kee keessaa maalalee argaa.

19Ani lafa irratti keessumma'a;

seera kee na jalaa hin dhossin.

20Lubbuun tiyya hennaa maraa seera kee guddiftee yaadu'uun

dadhabde.

21Worra abaaraman ka seera kee irraa dogoggoranii fi

worra boonan hin teedeffatta.

22Ragaa kee waan barbaaduuf

arrabaa fi waan salphinnaa na irraa fageessi.

23Worri baallii qaban taa'anii na hamatan;

garbichi kee ammo seera kee dhudhuma'aa ture.

24Ragaan kee gammachuu kiyya;

ka na gorsullee seera keeti.

Daaleex;

Seera Rabbii Raawwachu'uuf Murteeffachuu'u

25Lubbuun tiyya daara'aan wolitti maxxanteerti;

dubbii abdi'ii ka naa kenniteen

jireenna kiyya haarawoomsi.

26Waan godhe maraa sitti himadhe;

atillee naa dhageette;

eeganaa seera kee na barsiisi.

27Akka karaa seera keetii hubadhu na taasisi;

anillee maalalee kee hin dhudhumaa.

28Lubbuu tiyyatti gaddi guddatee dadhabdeerti;

akka dubbii keetiitiin na jabeessi.

29Soba na irraa fageessi;

akka mishooma keetiitiin seera kee na barsiisi.

30Karaa kee ka dhuga'aa filadheera;

seera kee hennaa maraa hin irraanfadhu.

31Yaa Rabbi!

seera kee jabeessee qabadheera;

yabo'oo na hin saalfachiisin.

32Garaa kiyya waan naa badhifteef

karaa seera keetiitiin fiiga.

Hee;

Kadhaa Qaabii Argachu'uuf Kadhatan

33Yaa Rabbi! karaa seera keetii na barsiisi;

ani hennaa maraa hin eega.

34Akka qaabadhu na taasisi; seera keellee hin barbaadaa;

onnee kiyya guutu'uun hin eegaa.

35Waan itti gammaduuf karaa seera keetiitiin na deemsisi.

36Durummaa argachu'uuf luqunuu caalaa'a,

akka seera kee eegu na taasisi.

37Akka waan duwwaa hin laalle ija tiyya dhooggi;

karaa kee irratti deebis;

jiraataa na taasisi.

38Dubbii abdi'ii ka ana garbicha keetii fi

worra si sodaatan maraa kennite raawwadhu

akka sodaatamtuuf.

39Seerri kee waan mishaa ta'eef,

salphinna sodaadhe na irraa fageessi.

40Ani seera kee eeguu yaada;

ati Waaqa dhuga'aa waan taateef balchummaa keetiin

jireenna kiyya naa haarawoomsi.

Waawu;

Seera Rabbiititti Irkachuu

41Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraatii fi

fayyinni kee akkuma dubbii keetiititti

naa haa dhufu.

42Waan seera kee hedadheef

worra na arrabsan maraa deebii kennuu danda'a.

43Seera kee waan hedadhuuf;

dubbii dhuga'aa kee afaan kiyya keessaa

sirimaa hin fageessin.

44Baraa haga bara baraa

hennaa maraa seera kee hin eega.

45Ani waan seera kee barbaaduuf

badhifadhee deema;

46Mootota afo'otti ragaa kee hin dubbadha;

hin saalfadhulle'e.

47Seera kee ka guddisee jaaladhetti hin gammada.

48Harka kiyya gara seera kee ka jaaladhee hiixadha.

seera keellee hin yaada.

Zaayi;

Seera Rabbii Abdachuu

49Dubbii kee ka hojjataa keetii waadaa galte qaabadhu;

isaan abdii kenniteertaaf.

50Dubbiin kee jiraataa waan na taasiseef

kun rakkinna kiyya keessattillee na jajjabeessa.

51Worri uf jajan hennaa maraa natti baldan;

ani ammo seera kee irraa hin fagaadhu.

52Yaa Rabbi! seera kee ka durii yaadee

guddisee jajjabaadhe.

53Sababaa hammeeyyiin seera kee dhiisaniif ani hin lolame.

54Biyya keessummumma'aa keessatti seerri kee faaruu naa ta'e.

55Yaa Rabbi!

ani halkanillee maqaa kee yaada;

seera keellee jabaadhee eega.

56Seera kee faanaa deema;

kun hujii kiyya ta'e.

Heeti;

Seera Rabbiitii Ajajamuu

57Yaa Rabbi! ati gayee kiyya;

dubbii kee eegu'uuf kutadheera.

58Garaa guutu'uun si barbaada;

akkuma dubbii keetiititti arjummaa kee natti argisiis.

59Jireenna kiyya qoree waan hubadheef

karaa laalee jireenna kiyya gara seera keetii deebifadha.

60Seera kee eegu'uuf ariifadhe; hin turrelle'e.

61Haanni cubbamtootaa natti mammarame

ani ammo seera kee hin irraanfanne.

62Waan seera kee balcha'aaf;

halkan qixxee si galatoonfachu'uuf lafaa ka'a.

63Ani goshoo worra si sodaatuutii fi

ka worra ajaja kee eeguuti.

64Yaa Rabbi! jaalalli kee lafa maraa guuteera;

seera kee na barsiisi.

Xeeti;

Ulfinna Seera Rabbii

65Yaa Rabbi! akka dubbii keetiititti

hojjataa keetii waan mishaa godhi.

66Ajaja kee waan hedhadheef

gorsa mishaa beekkumsa kee na barsiisi.

67Ani uduu hin adabamneen dura karaa dogoggoraatiin deema'aa ture;

amma ammo dubbii keetii ajajama.

68Ati misha'a;

wonti ati gootu misha'aa;

eeganaa seera kee na barsiisi.

69Worri uf jajan yoma sobaan maqaa na balleessan;

ani ammo garaa guutu'uun ajaja kee eega.

70Onneen isaanii akka dhaga'aa jabaatte;

ani ammo seera keetitti gammada.

71Seera kee akka baradhu

na mudduun kee waan misha'aaf naa ta'e.

72Worqi'ii fi birrii baay'ee caalaa,

seera afaan keetii naa woyya.

Yoodi;

Haqummaa Seera Rabbii

73Harki kee tolchee na uume;

qalbifataa na taasisi; ajaja kee baradhaa.

74Dubbii kee waan hedadheeruuf

worri si sodaatan na laala'aa gammadan.

75Yaa Rabbi! murtiin kee balchaa akka ta'e hin beeka;

wonti ati na hucuucceefillee waan Waaqa dhuga'aa taateef.

76Jaalalli kee jajjabeenna naa haa ta'u;

hojjataa keetiillee akka dubbii keetii haa ta'uuf.

77Seera keetiin waan gammaduuf arjummaan tee naa haa dhuftuu;

lubbu'uun jiraadhaa.

78Worri uf jajan hammeenna ufiitiin waan

yakka na irra geessaniif haa mullan;

ani ammo seera kee dhudhuma.

79Worri si sodaatan akka seera kee beekan

gara kiyya haa deebi'anii.

80Ani akka hin saalfanne onneen tiyya seera keetiin

guutuu haa taatu.

Kaaf;

Kadhaa Fayyummaa Argachu'uuf Kadhatan

81Lubbuun tiyya fayyisuu kee hawwite;

dubbii keellee hin hedadha.

82«Yoom na jajjabeessita » jedha'aa

ijji tiyya uduu dubbii kee eeggattu dadhabde.

83Akka qalqala aara keessatti qoqonshooree ta'ullee;

seera kee ammo hin irraanfanne.

84Barri garbicha keetii meeqa?

eeganaa worra na ari'anitti yoom murtii kennita?

85Worri uf jajan ka seera kee hin eenne

na qabu'uuf boolla naa qotan.

86Ajajjan kee maruu amansiisa'a;

namoonni dharaan waan natti ka'aniiraniif na gargaari.

87Isaan lafa irraa na balleessu'uuf hennaa diqqo'otu isaan hafe;

ani ammo ajaja kee hin dhiifne.

88Akkuma jaalala keetiitiin deebisii jiraataa na taasisi;

ragaa afaan keetiillee hin eega.

Laameedi;

Seera Rabbii Abdachuu'u

89Yaa Rabbi! dubbiin kee baraa haga bara baraa

jabaatee samii keessa jiraata.

90Amanamummaan kee ilma ilmaatitti lufa;

lafa hin uumte; isiinillee hin jiraatti.

91Martinuu hojjattoota teeti;

akkaataa seera keetiin haga adhaa

jabaatanii jiraatan.

92Seerri kee burqaa gammachuu kiyyaa uduu ta'uu baatee

silaa hennaa rakkinna kiyyaa hin bada ture.

93Karaa seera keetiitiin akka ani jireennaan jiraadhu waan na eeddeef

ani sirimaa seera kee hin dagadhu.

94Ani waan kee ta'eef yabo'oo na oolchi;

seera kee kabajjuu barbaada.

95Worri hammeeyyiin na ajjeesu'uuf riphanii na eegan;

ani ammo seera kee dhudhuma.

96Dhuma hujii maraatuu hin arge;

seerri kee ammo dhuma hin qabu.

Meem;

Seera Rabbii Raawwachuu'u

97Waandhana! seera kee attamitti guddisee jaaladhe;

guyyaa guutuu isuma dhudhuma.

98Seerri kee waan na keessaa hin banneef,

diintota tiyya caalaa akka hubadhu na taasisan.

99Ani seera kee hennaa maraa waan dhudhumuuf,

worra na barsiisan caalaa ogummaa qaba.

100Ajaja kee maraa waan raawwadhuuf,

ani manguddoota maraa caalaa hubannaa qaba.

101Akka dubbii kee eegu

karaa hammeennaa maraa irraa luka tiyya eege.

102Waan na barsiifteef

seera kee ka dhuga'aa irraa hin fagaanne.

103Dubbiin kee natti mi'aaye!

dammaa fi nadhii dammaa caalaa natti mi'aaye.

104Seera kee keessaa hubannaa argadhe;

kanaaf karaa sobaa maraa hin jibba.

Noon;

Ifa Seera Rabbii Irraa Argamu

105Dubbiin kee akka ifaa na masakka;

karaa kiyyattillee ifa naa ta'a.

106Seera kee ka balchumma'aa ka eegu'uuf

waadaa gale hin jabeessa.

107Ani guddisee rakkadhe;

yabo'oo akkuma dubbii keetii deebisii jiraataa na taasisi.

108Yaa Rabbi! galata afaan kiyyaa

ka fedha kiyyaan sii dhiyeessu na irraa fudhadhu;

ciincaa kiyya fudhadhu;

seera keellee na barsiisi.

109Lubbuun tiyya hennaa maraa harka kiyya keessa jirti;

seera kee ammo hin irraanfanne.

110Hammeeyyiin siiboo na jalatti diriirsan;

ani ammo ajaja kee irraa hin dogoggorre.

111Seerri kee dhaala kiyya ka baraa haga bara baraati;

garaan kiyya kanaan gammada.

112Baraa haga bara baraa haga dhumaa

ajaja kee raawwachu'uuf murteeffadheera.

Saamkeet;

Wobii Seera Rabbiitiin Argamu

113Worra hammeeyyii hin jibbe;

seera kee ammo hin jaaladhe.

114Ati gargaaraa kiyyaa fi irkoo kiyya;

dubbii kee abdi'iin eeggadhe.

115Isin cubbamtoonni na irraa fagaadhaa'a;

ani ajaja Rabbii kiyyaa eega.

116Dubbii keetiin na irkisi jiraataa ta'aa;

abdii dhabee akka hin saalfanne.

117Na gargaari ani hin fayyaa;

hennaa maraa seera kee hin raawwadhaa.

118Dharraan isaanii waan dharaa waan ta'eef

worra seera kee irraa fagaatan maraa buqqifte.

119Cubbamtoota lafa irraa maraa akka fisha'aatitti isaan balleessite;

kanaaf ragaa kee jaaladhe.

120Ani waan si sodaadheef nafti kiyya na hollate;

murtii keellee sodaadheera.

Ee;

Seera Rabbiitii Ajajamuu'u

121Waan haqaa fi balchummaa qabu hojjadheera;

worra na rakkisanitti dabarsitee na hin kennin!

122Ana garbicha keetii waan mishaa godhi;

worri uf jajan na hin dhiibin;

akka na dhiiban isaanii hin eeyyamin.

123Fayyisuu keetiif waadaa kee ka balchumma'aa eegu'uuf

ijji tiyya na dadhabde.

124Ana garbicha keetii akkuma jaalala keetii naa godhi;

seera keellee na barsiisi.

125Ani garbicha keeti;

akka seera kee beeku qaabii naa kenni.

126Yaa Rabbi! namoonni waan seera kee diiganiif

hennaan ati murtee tee kennitu amma.

127Kanaafuu waan worqi'ii fi gatii gudda'aa caalaa

ajaja kee jaaladhe.

128Kanaafuu gara ajaja keetii maraa deeme;

karaa hammeennaa maraa hin jibbe.

Fee

129Seerri kee maalalchiisa'a;

kanaaf lubbuun tiyya seera kee kana soxxe.

130Hiikkaan dubbii keetii hin ifa;

wollaaltota hubattoota taasisa.

131Afaan banadhee hargane;

waan seera kee yaadeef

132Akkuma worra si jaalatuu murtii qajeelaa kennitu,

gara kiyyallee laalii naa araarami.

133Deemsa kiyya akka dubbii keetiititti qajeelchi;

cubbuun marti na hin bitin.

134Dhara namaa jalaa na baasi;

seera keellee hin eegaa.

135Ifa fuula keetii garbicha keetii ibsi;

seera kee na barsiisi.

136Namoonni waan seera kee hin eenneef,

ija tiyya keessaa imimmaan jige.

Tsadee;

Seerri Rabbii Sirri'i

137Yaa Rabbi! ati balcha'a;

murtiin keellee sirri'i.

138Seera kee balchumma'aan ajajje;

guddisee amansiisa'alle'e.

139Diintonni tee ajaja kee waan fudhachuu didaniif

guddisee na aarsa.

140Dubbiin kee ka abdi'ii amanama'a;

ani garbichi kee guddisee jaaladheera.

141Ani yoo ka faayidaa hin qabnee fi tuffatamaa ta'ellee

seera kee ammo hin irraanfanne.

142Balchummaan tee balchummaa bara baraati;

seerri kee dhuga'a.

143Rakko'oo fi dhiphachuunillee na irra gaye;

ajanyi kee ammo gammachuu kiyya.

144Seerri kee baraa haga bara baraa qajeela'a;

seera keetiin jiraachuu akka danda'u qaabii naa kenni.

Qoof;

Kadhaa Diina Jalaa Bayu'uuf Kadhatan

145Yaa Rabbi! garaa kiyya guutu'uun iyyee naa dhagayi;

seera kee hin barbaadaa.

146Ani sitti iyyadha na oolchi;

seera kee hin eegaa.

147Dubbii kee abdii godhadhee;

ganamaan ka'ee iyye.

148Dubbii kee yaadu'uuf

halkan guutuu hin rafu.

149Yaa Rabbi!

akka jaalala keetiititti laagaa iyya kiyyaa naa dhagayi;

akka seera keetiititti deebisii jiraataa na taasisi.

150Worri dharaan na ari'an natti dhiyaatan;

isaan worra seera kee irraa fagaate.

151Yaa Rabbi!

ati dhiyoo jirta;

karaan kee maruu dhuga'a.

152Seera kee beeku'uun akka isaan baraa haga bara baraa dhaabatan akka ati goote

bara fago'oon dura hubadheera.

Rees;

Rabbiin Worwaachuu'u

153Seera kee waan hin irraanfanneef

rakkoo kiyya laalii na hambisi.

154Naa tamaaggadhuu na oolchi;

sababaa dubbii keetiitiif jiraataa na taasisi.

155Waan seera kee irraa hin barbaanneef;

fayyinni hammeeyyii irraa fago'o;

156Yaa Rabbi! gara laafummaan kee guddisee gudda'a;

akka ajaja keetiititti jiraataa na taasisi.

157Worri na ari'anii na dhiphisan heddu;

ani ammo seera kee irraa hin siindhe.

158Isaan waan seera kee hin eenneef

worra amshaaggaa argee gadde.

159Akka ajaja kee jaaladhe laalii

yabo'oo jaalala keetiin jiraataa na taasisi.

160Dubbiin kee bu'uura jabaa irratti bu'uureeffameera;

seerri kee balchaan bara baraan jiraata.

Saan;

Seera Rabbiitii Ajajamuu'u

161Worri bulchan duwwama na ari'an;

onneen tiyya ammo waan dubbii keetiitiif guddiftee naate.

162Akka waan boojuu guddaa argadhee waan dubbii keetiitiif gammade.

163Soba hin jibba; hin shakka;

seera kee ammo hin jaaladhe.

164Waan murtii kee balcha'aatiif

guyyaa keessa harka torbaa si galatoonfadha.

165Worri seera kee jaalatan nageenni isaanii gudda'a;

wonti isaan gufachiisu hin jiru.

166Yaa Rabbi!

fayyisuu kee abdii godhadhee

ajaja kee eege.

167Lubbuun tiyya seera kee eedde;

guddisee jaaladha;

168Karaan kiyya maruu afoo keetitti addaataa waan ta'eef,

seera keetii fi ajaja kee kabajje.

Taawu;

Kadhaa Gargaarsa Rabbii Argachu'uuf Kadhatan

169Yaa Rabbi!

kadhaan kiyya si bira haa gawu;

akkuma dubbii keetii hubannaa naa kenni.

170Kadhaan kiyya afoo kee haa dhaqu;

dubbii keetiin na oolchi.

171Waan seera kee na barsiifteef,

afaan kiyya galata kee hima.

172Ajanyi kee maruu waan balchaa ta'eef,

afaan kiyya dubbii kee dubbate.

173Ani ajaja kee waan filadheef,

harki kee na gargaaru'uuf qophii haa ta'u.

174Yaa Rabbi!

ani fayyinna kee yaada;

seerri kee gammachuu kiyya.

175Akka si galatoonfachuu danda'u,

umurii naa dheeressi;

seerri keellee na haa gargaaru.

176Ani akka hoolaa badeetitti raantaye;

garuu ajaja kee hin irraanfanne;

ana garbicha kee barbaadi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help