1Soofaar namni biyya Naa'ima'aa akkana jedhee deebise,
2«Dhugamaan baay'inna dubbi'iitiif deebii kennuun hin barbaachisuu?
mo'o namni tokko kana mara dubbate'eef sirrii ta'a?
3qaandhi kee duwwaan namoota hin cadhisiisaa?
yoo baldite ka si saalfachiisu hin jiruu?
4Ati yaada keetiin ‹ani sirri'i› ufiin jetta.
Rabbiinillee ‹ani si afo'otti qulqullu'u› jetta.
5maal Rabbi uduu sitti dubbatee
deebii sirri'ii sii deebisee!
6Dhossaa ogummaa ufiillee uduu sii ibsee!
hubannaan isaa guddaa waan ta'eef
adabbii siif ta'u keessaa akka dhidhisee sii kaffalu beeki.
7«Dhossaa Rabbii ka gad fago'oo qorattee beekuu dandeettaa?
mo'o Waaqa kee ka maraa danda'u qorattee bira gawuu dandeetta?
8Guddinni isaa Samii caalaa ol fagaataa,
ati maal godhuu dandeetta?
gad fageenni isaa asaaba caalaa gad fagaataa,
kanaafuu ati maal beekuu dandeetta?
9Guddinni isaa lafa caalaa dheerata;
galaana caalaa badhata.
10Rabbi uduu dhufee hidhee,
Gara yaa'ii murti'ii uduu fidee, eentu isa dhoogga?
11Rabbi namoota faayidaa hin qabne waan beekuuf;
hennaa yakka argu cadhisee hin laalu.
12Gowwaan ogeessa ta'uu irra,
harreen diidaa nama ta'ee dhalachu'utu salpha'a.
13«Ta'ullee uduu onnee tee qajeeltuu gootee;
harka kee diriirsitee Rabbiin uduu kadhattee;
14Cubbuu harka kee keessaa baaftee
akka wonti hamaan mana kee keessatti hin argamne uduu gootee;
15Yoo san sodaa malee ol jettee
waa maraa laalta;
uduu hin saalfanne jabaattee dhaabatta.
16Rakkoo keellee hin irraanfatta;
akka bisaan lufeetitti dagatta.
17Jireenni kee aduu guyya'aa caalaa ifa;
dukkantillee akka ifa ganamaa taati.
18Abdii waan qabduuf boona'aa jiraatta;
Rabbi waan si eeguuf sodaa malee hara baafattee jiraatta.
19Hin rafta, wonti si sodaachisu hin jiru;
namoonni baay'een si afo'otti gaachena argachuu barbaadan.
20Ijji hammeeyyi'ii garuu hin jaamti;
Karaan isaan dheessaniin maruu cufaa ta'a;
dhumti isaanii du'uma»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.